Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 91

Eegumsa Waaqaa

Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu,

gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.

Anis Waaqayyoon, “Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi // daʼannoo koo ti;

Waaqa koo kan ani amanadhuu dha” nan jedha.

Inni dhugumaan kiyyoo adamsaa jalaa,

dhukkuba nama fixu jalaas si baasa.

Inni baallee isaatiin si dhoksa;

atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta;

amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa.

Atis naasuu halkanii,

yookaan xiyya guyyaan futtaafamu hin sodaattu;

golfaa dukkana keessa deemu,

yookaan dhaʼicha guyyaa saafaan nama balleessu hin sodaannu.

Kumni tokko si cinatti,

kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa;

garuu sitti hin dhiʼaatu.

Ati ijuma kee qofaan ilaalta;

adaba hamootatti dhufus ni argita.

Ati waan Waaqayyoon iddoo kooluu itti galtu,

Waaqa Waan Hundaa Olii iddoo jireenya keetii godhatteef,

wanni hamaan si hin tuqu;

dhaʼichis dunkaana keetti hin dhiʼaatu.

Inni akka isaan karaa kee hunda irratti si eeganiif,

ergamoota isaa siif ni ajaja;

isaanis akka miilla keetiin dhagaatti hin buuneef

harka isaaniitiin ol si fuudhu.

Ati leencaa fi buutii irra ejjetta;

leenca saafelaa fi jawwee ni dhidhiitta.

Waaqayyos akkana jedha;

“Sababii inni na jaallatuuf, ani isa nan oolcha;

waan inni maqaa koo beekuuf isa nan eega.

Inni na waammata; anis nan deebisaaf;

rakkina keessatti ani isa wajjin nan taʼa;

isa nan oolcha; ulfinas nan kennaaf.

Ani umurii dheeraa isa nan quufsa;

fayyisuu koos isatti argisiisa.”

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.