Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 90

Kitaaba Afuraffaa

Faarfannaa 90–106

Namni Dadhabaa Taʼuu Isaa

Kadhannaa Musee Nama Waaqaa Sanaa.

Yaa Gooftaa, ati dhaloota hunda keessatti

iddoo jireenyaa nuu taateerta.

Utuu tulluuwwan hin dhalatin

yookaan utuu ati lafaa fi addunyaa hin uumin,

baraa baraa hamma bara baraatti ati Waaqa.

Atis, “Yaa ilmaan namootaa, biyyootti deebiʼaa”

jettee namoota biyyootti deebista.

Fuula kee duratti waggaan kumni tokko,

akkuma guyyaa kaleessa darbee ti;

yookaan akkuma dabaree eegumsa halkanii tokkoo ti.

Ati hirriba duʼaatiin namoota haxooftee balleessita;

isaan akkuma marga ganama bayyanatuu ti;

margi sun ganama ganama bayyanatu illee

galgala galgala garuu coollagee goga.

Aariin kee nu fixeera;

dheekkamsi kees nu naasiseera.

Yakka keenya fuula kee dura,

cubbuu keenya dhokataa sanas ifa fuula keetii dura keesseerta.

Barri keenya hundinuu dheekkamsa keetiin dhumeeraatii;

umurii keenyas aaduudhaan fixanna.

Dheerinni bara keenyaa waggaa torbaatama,

yoo jabaanne immoo waggaa saddeettama taʼa;

kuni iyyuu garri caalaan isaa dadhabbii fi rakkinaan guutameera;

inni dafee darbaatii; nus barrifnee ni sokkina.

Humna aarii keetii eenyutu beeka?

Dheekkamsi kee akkuma sodaa nu siif qabaachuu qabnu sanaa // guddaadhaatii.

Akka nu garaa ogummaadhaan guutame qabaannuuf,

bara keenya lakkaaʼuu nu barsiisi.

Yaa Waaqayyo, deebiʼi! Kun hamma yoomiitti taʼa?

Tajaajiltoota keetiifis garaa laafi.

Akka nu bara keenya guutuu gammannee ililchinuuf,

ganama ganama araara keetiin nu quufsi.

Hamma baayʼina guyyoota ati nu miite sanaa,

hamma baayʼina waggoota nu rakkanne sanaas nu gammachiisi.

Hojiin kee tajaajiltoota keetti,

ulfinni kees ijoollee isaaniitti haa mulʼifamu.

Eebbi Waaqa keenya Gooftichaa nurra haa buʼu;

hojii harka keenyaas jabeessii nuu dhaabi;

eeyyee, hojii harka keenyaa jabeessii nuu dhaabi.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.