Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 92
Gammachuu Nama Qajeelaa,
Faarfannaa Guyyaa Sanbataa Faarfatamu.
Waaqayyoon, galateeffachuun, yaa Waaqa Waan Hundaa Olii,
maqaa keetiif faarfachuun gaarii dha.
Jaalala kee ganamaan,
amanamummaa kees halkaniin labsuun,
kiraara ribuu kudhaniitiin,
sagalee baganaatiinis labsuun gaarii dha.
Yaa Waaqayyo, ati hojii keetiin na gammachiiftaatii;
ani sababii hojii harka keetiitiif gammachuudhaan nan faarfadha.
Yaa Waaqayyo, hojiin kee akkam guddaa dha;
yaadni kees akkam gad fagoo dha!
Namni qalbii hin qabne waan kana beekuu hin dandaʼu;
gowwaanis hin hubatu;
hamoonni yoo akkuma margaa biqilan iyyuu,
jalʼoonni hundinuus yoo daraaran iyyuu,
isaan bara baraan ni barbadaaʼu.
Yaa Waaqayyo, ati garuu bara baraan ol ol jetta.
Yaa Waaqayyo, kunoo diinota kee,
kunoo diinonni kee ni badu;
warri jalʼina hojjetan hundinuus ni bittinneeffamu.
Ati gaanfa koo akka gaanfa gafarsaa ol ol qabde;
zayitii haaraa natti dhangalaafte.
Iji koo moʼatamuu diinota koo argeera;
gurri koos badiisa jalʼoota natti kaʼanii dhagaʼeera.
Qajeeltonni akkuma muka meexxii ni dagaagu;
akkuma birbirsa Libaanoonitti ni guddatu;
isaan mana Waaqayyoo keessa dhaabamanii jiru;
oobdii Waaqa keenyaa keessattis itti tolee misanii jiran.
Isaan amma iyyuu bara dullumaa keessa ija naqatu;
gabbataniis dagaaganii jiraatu.
Isaanis, “Waaqayyo tolaa dha; inni Kattaa koo ti;
hamminni isa keessa hin jiru” jedhanii labsu.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.