Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Fakkeenya 11
Waaqayyo madaalii hin amanamne ni balfa;
madaalii dhugaatti immoo ni gammada.
Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa;
gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.
Amanamummaan tolootaa isaan dura deema;
warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu.
Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi faayidaa hin qabu;
qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
Qajeelummaan warra mudaa hin qabnee // karaa qajeelaa baasaaf;
hamoonni garuu hamminuma isaaniitiin badu.
Qajeelummaan tolootaa isaan oolcha;
warri hin amanamne garuu // hawwii hamaadhaan qabamu.
Yeroo namni hamaan duʼu, abdiin isaas ni bada;
wanni namni hamaan eeggatus ni barbadeeffama.
Namni qajeelaan rakkoo jalaa ni baafama;
rakkoon sunis qooda isaa nama hamaa irra gaʼa.
Namni Waaqatti hin bulle dubbii afaan isaatiin ollaa isaa balleessa;
namni qajeelaan immoo beekumsaan miliqa.
Yommuu namni qajeelaan badhaadhu magaalaan ni gammada;
yommuu namni hamaan barbadaaʼu immoo iyya gammachuutu dhagaʼama.
Eebba nama tolaatiin magaalaan ulfina argata;
afaan nama hamaatiin garuu ni barbadeeffama.
Namni sammuu hin qabne ollaa isaa tuffata;
kan hubannaa qabu garuu ni calʼisa.
Namni odeessu dhoksaa gad baasa;
kan amanamu garuu icciitii eega.
Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa;
baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama.
Namni nama hin beekneef wabii taʼu ni rakkata;
namni namaaf kakachuuf jedhee harka dhaʼuu didu immoo // nagaan jiraata.
Dubartiin gara laafettiin ulfina argatti;
namoonni garaa dhagaa immoo qabeenya qofa argatu.
Namni gaariin of fayyada;
gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida.
Namni hamaan mindaa sobaa argata;
kan qajeelummaa facaafatu immoo badhaasa dhugaa argata.
Namni qajeelaan dhugumaan jireenya argata;
kan waan hamaa duukaa buʼu garuu gara duʼaa argata.
Waaqayyo warra yaada jalʼaa qaban balfa;
warra karaan isaanii mudaa hin qabnetti immoo ni gammada.
Waan kana hubadhu: Namni hamaan utuu hin adabamin hin hafu;
qajeeltonni garuu bilisa baʼu.
Dubartiin miidhagduun qalbii hin qabne
akkuma qubeelaa warqee kan funyaan booyyeetti jirtuu ti.
Wanni qajeeltonni hawwan gaarii taʼaaf;
abdiin hamootaa garuu dheekkamsa qofa taʼa.
Namni tokko toluma waa namaa kenna;
taʼus ittuma caalchisee sooroma;
kaan immoo waan kennuu malu dhowwata; // taʼus inuma hiyyooma.
Namni arjaan ni badhaadha;
namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.
Nama dhoksee midhaan kuufatu sabni ni abaara;
kan gurguruuf fedhii qabu immoo eebbatu gonfoo taʼaaf.
Namni waan gaarii barbaadu carraa gaarii argata;
hamminni garuu nama hammina barbaadutti dhufa.
Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa;
qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa.
Namni maatii isaatti rakkoo fidu bubbee qofa dhaala;
gowwaan immoo garbicha nama ogeessaa taʼa.
Iji nama qajeelaa muka jireenyaa ti;
namni lubbuu namaa baraaru immoo ogeessa.
Erga qajeeltonni lafa irratti gatii isaanii argatanii,
namni Waaqatti hin bullee fi cubbamaan // hammam caalaa haa argatanii ree!
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.