Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Fakkeenya 10
Fakkeenyawwan Solomoon
Fakkeenyawwan Solomoon:
Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa;
ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.
Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu;
qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
Waaqayyo akka warri qajeelaan beelaʼan hin eeyyamu;
hawwii jalʼootaa garuu ni busheessa.
Harki hojii hin hojjenne nama hiyyoomsa;
harki jabaatee hojii hojjetu garuu nama sooromsa.
Namni yeroo bonaa midhaan walitti qabatu ilma ogeessa;
kan yeroo midhaan galfamutti rafu immoo // ilma nama qaanessuu dha.
Eebbi mataa qajeeltotaatti gonfoo kaaʼa;
afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.
Yaadannoon nama qajeelaa eebba taʼa;
maqaan nama hamaa garuu lafa irraa bada.
Namni garaa isaatti ogeessa taʼe ajaja fudhata;
gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.
Namni amanamaan sodaa malee deema;
kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama.
Namni ija hamminaatiin waa namaan jedhu rakkoo uuma;
gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.
Afaan nama qajeelaa burqaa jireenyaa ti;
afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.
Jibbi lola kakaasa;
jaalalli garuu balleessaa hunda haguuga.
Ogummaan hidhii nama waa hubatuu irratti argamti;
uleen immoo dirra nama hubannaa hin qabnee irra buʼa.
Namoonni ogeeyyiin beekumsa kuufatu;
afaan gowwaa garuu badiisa waama.
Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha;
hiyyummaan garuu badiisa hiyyeeyyii ti.
Mindaan qajeeltotaa jireenya;
galiin hamootaa garuu cubbuu fi duʼa.
Namni gorsa fudhatu karaa jireenyaa irra deema;
namni adaba didu kam iyyuu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa.
Namni hidhii sobuun jibba dhokfatu,
kan maqaa namaa balleessus gowwaa dha.
Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu;
namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa.
Arrabni nama qajeelaa meetii filatamaa dha;
garaan nama hamaa garuu faayidaa xinnoo qaba.
Arrabni nama qajeelaa nama hedduu soora;
gowwoonni garuu hubannaa dhabiisaan duʼu.
Eebbi Waaqayyoo nama sooromsa;
inni rakkina tokko illee itti hin dabalu.
Gowwaan amala hamaadhaan gammachuu argata;
namni waa hubatu garuu ogummaatti gammada.
Wanni namni hamaan sodaatu isumatti dhufa;
hawwiin nama qajeelaa immoo ni guutamaaf.
Yeroo bubbeen hamaan bubbisu namoonni hamoon ni badu;
qajeeltonni garuu bara baraan jabaatanii jiraatu.
Akkuma wanni dhangaggaaʼaan ilkaan miidhee, // aarris ija miidhu sana
namni dhibaaʼaan warra isa ergatu miidha.
Waaqayyoon sodaachuun bara jireenya namaa dheeressa;
umuriin nama hamaa garuu ni gabaabbata.
Abdiin nama qajeelaa gammachuu taʼa;
wanni namni hamaan eeggatu garuu ni bada.
Karaan Waaqayyoo nama qajeelaaf daʼoo dha;
nama jalʼaaf garuu badiisa.
Qajeeltonni yoom iyyuu hin fonqolfaman;
hamoonni garuu lafa irratti hin hafan.
Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata;
arrabni jalʼaan garuu ni kutama.
Arrabni nama qajeelaa waan fudhatama qabu dubbata;
afaan nama hamaa garuu waan jalʼaa qofa dubbata.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.