Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Fakkeenya 9

Ogummaa fi Gowwummaa

Ogummaan mana ishee ijaarratte;

utubaa ishee torbanis dhagaa irraa qopheeffate.

Isheen horii qalattee daadhii wayinii ishee bulbulatte;

maaddii ishee illee qopheeffatte.

Tajaajiltoota ishee dubarran ergattee

fiixee magaalaa irraa lallabde.

Isheen warra qalbii hin qabneen akkana jetti;

“Isin warri homaa hin beekne hundi as kottaa!

Kottaatii nyaata koo nyaadhaa;

daadhii wayinii ani bulbuladhe illee dhugaa.

Karaa gowwummaa keessanii sana dhiisaatii jiraadhaa;

karaa hubannaa irra deemaa.

“Namni nama namatti qoosu gorsu kam iyyuu ni arrabsama;

namni nama hamaa ifatu kam iyyuu ni salphata.

Ati nama namatti qoosu hin ifatin; inni si jibbaatii;

nama ogeessa ifadhu; inni si jaallataatii.

Nama ogeessa gorsi; inni ittuma caalchisee ogeessa taʼaa;

nama qajeelaaf barumsa kenni; inni beekumsa isaatti dabalaatii.

“Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti;

isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.

Karaa kootiin barii jireenya keetii ni dheerata;

jireenya kee irrattis waggoonni ni dabalamuutii.

Yoo ati nama ogeessa taate, ogummaan kee si badhaasa;

yoo ati kan namatti qoostu taate suma qofatu gidirama.”

Dubartiin gowwaan oduu baayʼifti;

isheen raatuu homaa hin beeknee dha.

Isheen balbala mana ishee dura,

fiixee magaalaa gubbaa barcuma irra teessee

warra achiin darban, kanneen qajeelanii

daandii isaanii irra deeman waamti.

Isheen warra qalbii hin qabneen akkana jetti.

“Isin warri homaa hin beekne hundi as kottaa!

Bishaan hatan ni miʼaawa;

nyaanni dhoksaan nyaatanis guddoo namatti tola!”

Isaan garuu akka warri duʼan achi jiran,

akka keessumoonni ishee dhidhima awwaalaa keessa jiran illee // xinnuma beeku.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.