Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Fakkeenya 12
Namni adabamuu jaallatu kam iyyuu beekumsa jaallata;
kan sirreeffamuu jibbu garuu gowwaa dha.
Namni gaariin Waaqayyo biratti fudhatama argata;
Waaqayyo garuu nama hammina malatutti ni mura.
Namni tokko hamminaan jabaatee hin dhaabatu;
qajeelaan garuu hin buqqifamu.
Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha;
niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti.
Karoorri qajeeltotaa qajeelaa dha;
gorsi jalʼootaa garuu gowwoomsaa dha.
Dubbiin hamootaa dhiiga dhangalaasuuf // riphee nama eeggata;
haasaan tolootaa garuu duʼa jalaa nama baasa.
Namoonni hamoon ni garagalfamu; deebiʼaniis hin argaman;
manni qajeeltotaa garuu jabaatee dhaabata.
Namni tokko akkuma ogummaa isaatti jajama;
namni yaada jalʼaa qabu immoo ni tuffatama.
Namni tuffatamaan hojjetaa qabu tokko,
nama of kabaju kan waan nyaatu iyyuu hin qabne caala.
Namni qajeelaan lubbuu horii isaatiif yaada;
hojiin jalʼootaa garuu tolaan isaa iyyuu hammina.
Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata;
kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa hin qabu.
Hamoonni boojuu jalʼootaa hawwu;
hiddi qajeeltotaa garuu ni lalisa.
Namni hamaan cubbuu afaan isaatiin qabama;
namni qajeelaan garuu rakkoo jalaa miliqa.
Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin guutama;
hojiin harka namaas isumaaf deebiʼa.
Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata;
namni ogeessi garuu gorsa dhagaʼa.
Aariin gowwaa yommusuma isa irraa beekama;
namni hubataan garuu arrabsoo tuffata.
Namnii dhugaa dubbatu ragaa amanamaa kenna;
dhuga baatuun sobaa garuu soba dubbatti.
Dubbiin of eeggannaa hin qabne // akkuma goraadee nama waraana;
arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa.
Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata;
arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata.
Garaa warra waan hamaa malatanii keessa // gowwoomsaatu jira;
warri nagaa buusan garuu gammachuu qabu.
Qajeeltotatti miidhaan tokko iyyuu hin dhufu;
hamoonni rakkinaan guutamu.
Waaqayyo arraba sobu ni jibba;
warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada.
Namni hubataan beekaa taʼuu isaa dhokfata;
gowwoonni garuu gowwummaa isaanii labsu.
Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa;
dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa.
Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa;
dubbiin tolaan immoo nama gammachiisa.
Namni qajeelaan ollaa isaa karaa argisiisa;
karaan hamootaa garuu karaa irraa nama jalʼisa.
Namni dhibaaʼaan waan adamsee ajjeese hin waaddatu;
kan jabaatee hojjetu immoo qabeenya gatii guddaa argata.
Karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira;
daandii sana irra duuti hin jiru.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.