Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Fakkeenya 13
Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaa dhagaʼa;
qoostuun namaa immoo dheekkamsa hin dhaggeeffatu.
Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin gammada;
namni hin amanamne garuu jeequmsaaf ariifata.
Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata;
kan of eeggachuu malee dubbatu immoo baduuf ariifata.
Fedhiin dhibaaʼaa yoom iyyuu hin guutamu;
fedhiin nama jabaatee hojjetuu immoo guutumaan ni milkaaʼa.
Namni qajeelaan soba jibba;
namni hamaan garuu qaanii fi salphina fida.
Qajeelummaatu nama tolaa tiksa;
hamminni garuu cubbamaa galaafata.
Namni tokko sooressa of fakkeessa; garuu homaa hin qabu;
tokko immoo hiyyeessa of fakkeessa; garuu qabeenya guddaa qaba.
Soorumni nama tokkoo furii jireenya isaa taʼuu dandaʼa;
hiyyeessi garuu ifannaa hin dhagaʼu.
Ifni nama qajeelaa akka gaarii ifa;
ibsaan nama hamaa garuu ni dhaama.
Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuu
warra gorsa dhagaʼan biratti argamti.
Maallaqni karaa sobaatiin dhufu dafee bada;
namni xinnoo xinnoon maallaqa walitti qabatu garuu ni kuufata.
Abdiin lafa irra harkifatu garaa nama dhukkubsa;
hawwiin guutamu garuu muka jireenyaa ti.
Namni gorsa tuffatu badiisa ofitti fida;
kan ajaja ulfeessu immoo badhaasa argata.
Barsiisni nama ogeessaa burqaa jireenyaa ti;
kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.
Hubannaan gaariin surraa argamsiisa;
karaan warra hin amanamnee garuu // badiisatti isaan geessa.
Namni qalbii qabu kam iyyuu beekumsaan hojjeta;
gowwaan immoo gowwummaa isaa mulʼisa.
Ergamaan hamaan rakkoo keessa seena;
ergamaan amanamaan garuu fayyina fida.
Namni adabamuu jibbu ni hiyyooma; ni qaanaʼas;
kan sirreeffama kabaju immoo ulfina argata.
Hawwiin guutame namatti miʼaawa;
gowwoonni garuu waan hamaa irraa deebiʼuu balfu.
Namni nama ogeessa wajjin deemu ogeessa taʼa,
michuun gowwootaa garuu ni miidhama.
Wanni hamaan cubbamoota ariʼata;
badhaadhummaan immoo badhaasa qajeelotaa ti.
Namni gaariin ilmaan ilmaan isaatiif dhaala dabarsa;
qabeenyi nama cubbamaa garuu qajeeltotaaf kuufama.
Qonnaan hiyyeessaa midhaan guddaa baasa;
murtiin jalʼaan garuu haxaaʼee duraa balleessa.
Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba;
kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.
Namni qajeelaan hamma quufutti nyaata;
garaan nama hamaa garuu ni beelaʼa.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.