Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Fakkeenya 14
Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti;
gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi.
Namni qajeelummaan jiraatu Waaqayyoon sodaata;
kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata.
Afaan nama gowwaa dugda isaatti ulee of tuulummaa fida;
arrabni ogeeyyii garuu isaan eega.
Yoo qotiyyoon hin jirre, dallaan duwwaa taʼa;
garuu humna qotiyyoo tokkootiin midhaan baayʼeen argama.
Dhuga baatuun amanamaan hin sobu;
dhuga baatuun sobaa immoo dhara of keessaa gad naqa.
Qoostuun namaa ogummaa barbaadee hin argatu;
nama waa hubatuuf garuu beekumsi dadhabbii malee dhufa.
Ati nama gowwaa irraa fagaadhu;
arraba isaa irraa beekumsa hin argattuutii.
Ogummaan hubattootaa akka isaan karaa isaanii beekan isaan godha;
gowwummaan gowwootaa garuu karaa irraa isaan balleessa.
Gowwoonni cubbuutti qoosu;
qajeeltota gidduutti garuu hawwii gaariitu argama.
Garaan gadda ofii isaa ni beeka;
namni biraa tokko iyyuu gammachuu isaa irraa hin qooddatu.
Manni nama hamaa ni bada;
dunkaanni nama qajeelaa immoo ni daraara.
Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira;
dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.
Kolfa keessatti iyyuu garaan nama dhukkubuu dandaʼa;
gammachuunis gaddaan dhumuu dandaʼa.
Namni hin amanamne gatii karaa isaa,
namni gaariin immoo gatii hojii isaa argata.
Namni homaa hin beekne waan hunda amana;
namni qalbii qabu garuu tarkaanfii isaa ilaallata.
Namni ogeessi of eeggata; waan hamaa irraas ni deebiʼa;
gowwaan garuu waan hundatti jarjara; of illee hin eeggatu.
Namni dafee aaru gowwummaa hojjeta;
namni daba hojjetu garuu ni jibbama.
Namni homaa hin beekne gowwummaa dhaala;
qalbeeffataan garuu beekumsa gonfata.
Namoonni hamoon fuula namoota gaarii duratti,
jalʼoonnis karra qajeeltotaa duratti sagadu.
Hiyyeeyyii olloonni isaanii iyyuu ni jibbu;
sooreyyiin immoo michoota hedduu qabu.
Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta;
kan rakkataaf garaa laafu garuu eebbifamaa dha.
Namni hammina yaadu karaa irraa hin baduu?
Warri waan gaarii karoorsan garuu jaalalaa fi // amanamummaa argatu.
Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa;
oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida.
Gonfoon ogeeyyii qabeenya isaanii ti;
gowwummaan gowwootaa garuu gowwummaa dhala.
Dhuga baatuun dhugaa lubbuu baraara;
dhuga baatuun sobaa immoo soba dubbata.
Namni Waaqayyoon sodaatu daʼannoo jabaa qaba;
ijoolleen isaas daʼoo argatu.
Waaqayyoon sodaachuun burqaa jireenyaa ti;
kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.
Ulfinni mootii tokkoo baayʼina uummata isaa ti;
yoo uummanni hin jirre garuu ilmi mootiis ni bada.
Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba;
kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa.
Garaan nagaa qabu dhagnaaf jireenya kenna;
hinaaffaan garuu lafee tortorsa.
Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata;
namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Waaqa kabaja.
Hamoonni jalʼinuma isaaniitiin badu;
qajeeltonni garuu duʼa keessatti illee // amanamummaa isaaniitiin daʼannoo argatu.
Ogummaan qalbii nama waa hubatuu keessa jirti;
garaa gowwootaa keessatti garuu hin beekamtu.
Qajeelummaan saba ol guddisa;
cubbuun garuu saba kamiif iyyuu salphina.
Mootiin tajaajilaa ogeessatti ni gammada;
kan isa qaanessutti garuu ni dheekkama.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.