Kitaaba Fakkeennaa
Proverbs
Introduction from this edition
Kitaaba Fakkeennaa
Seensa
Kitaab fakkeennaa seera ittiin bulmaataatii fi barsiisa dhugeeffanna'aa ka haala jedhi'iitii fi fakkeennaatiin wolitti qabameeru. Hedduun isaanii waanuma nami guyyuma guyya'aan huju ifi keessaa qaban. Kitaab kun «Qarummaan jalqabaa Mootii Waan Maraa sodaatiisa» ka jedhu yaadachiisiisaan jalqaba. Achiin duuba waan hamilee dhugeeffanna'aa qofa dubbatiisa adoo hin te'in, gara yaada wolii galaatii fi amala dansa'aalle hin dabara. Jedhiin kitaaba kanaa hedduun beekkumsa barsiisota Israa'elootaa ta durii durii marroo waan nami qaroon haala adda addaa keessatti hujuu mudhisan. Isaan kana keessaa gariin marroo firooma maati'ii, ka dhibiin marroo hujii dhibi'ii dubbatan. Gariin waan tokkummaa kolbaa keessaa, kuun barbaachisummaa ifi toowatiisaa dubbatan. Bacaan isaanii marroo gadhi-laafinnaa, marroo ossataa, marroo hiyyeeyyii kabajiisaatii fi marroo jaalotaaf addatamiisaa dubbatan.
Haadhoo Dubbi'ii
Qarummaa Leellisiisa
Fakkeenna Solomoonii
Jechoota Aguurii
Jedhii adda addaa Hedduu
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.