Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Fakkeennaa 14

Dubartiin qaroon mana ifii ijaarratti;

dubartiin gowwaan ammoo

harkuma ifiitiin mana ifii diiddi.

Nami karaa qajeelaa ideemu

Mootii Waan Maraa sodaata;

ka karaan isaa micciirama'aa ammoo isa tuffata.

Nama gowwaa dubbuma isaatitti adabbii isatti fida;

nama qaroo ammoo afaan isaatitti isa eega.

Lafa qotiyyoon hin jirre gootaraan duwwaa hin te'a;

hunna qotiyyo'ootiin ammoo

midhaan hin bacata.

Dhugaa bayaan dhugaammessi hin sobu;

dhugaa bayaan dharaamessi ammoo dhara dubbata.

Nami murgaamessi qarummaa hin barbaada;

garuu hin dhaggatu;

worra qalbeeffataa ammoo

beekkumsa dhaggatiisi hin dhibu.

Afaan isaa irraa

beekkumsa waan hin dhagganneef,

nama gowwaa irraa fagaadhu.

Qarummaan nama qalbeeffata'aa

karaa irraa akka hin gorre tolchiti;

gowwummaan nama gowwa'aa

ammoo karaa irraa gorsiti.

Gowwooleen ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaatutti murgan;

odduu worra qajeela'aa ammoo

fedhii dansa'atti jira.

Nami martinuu

gammadaa fi gadda hadhowaa ifii hin beeka;

ka isa woliin qoodamu hin jiru.

Manni worra hama'aa hin jiga;

qe'een worra qajeela'aa ammoo hin badhatti.

Karaan sirrii namatti fakkaatu jira;

muummeen isaa ammoo gara du'aa geessa.

Kolla keessaayyuu gaddi jiraachuu dande'a;

gammadi gaddaan muummowuu dande'a.

Nami hamaan gatii hammeenna ifii hin fudhata;

nami dansaalle gatii hujii dansaa ifii hin fudhata.

Gowwaan waan mara dhugeeffata;

qalbeeffataan ammoo ijjata ifii hin ilaallata.

Nami qaroon waan hantuu sodaatee irraa hin deebi'a;

nami gowwaan ammoo ifi hin eegatu;

hin ariifatalle'e.

Nami dafee aaru waan gadhee huja;

nami mala namatti dhowu hin jibbatama.

Nami hin bilchaatin gowwummaa dhaala;

nami qalbeeffataan beekkumsa

akka kallachaa keyata.

Worri hamaan worra dansaa duratti,

worri cubbaaleyyiin

karra worra balcha'aa duratti gad hin jedhan.

Hiyyeessi ollaa ifiitiinuu hin jibbatama;

dureessi ammoo jaalota hedduu qaba.

Nami nama tuffatu cubbaalessa;

nami hiyyeessaaf nayu ka gammade.

Worri mala hamaa dhowu

karaa irraa goranii motii ree?

Worri mala dansaa dhowu ammoo hin jaalataman;

hin addatamanille'e.

Jabaatanee hujiis bu'aa qaba;

oduu callaa odeessiis ammoo

gara hiyyumma'aa qofa nama geessiti.

Qananummaan kallacha qaroole'ee ti;

gowwummaan ammoo seesa gowwoole'ee ti.

Dhugaa bayaan dhugaammessi jiruu fayyisa;

dhugaa bayaan dharaamessi ammoo hin soba.

Nami Mootii Waan Maraa sodaatu

kushee jadduu qaba;

ijoollee isaatiifille addee itti baqattu hin teeti.

Mootii Waan Maraa sodaatiis madda jiru'uu ti;

tiyyoo du'aa irraa nama deebisa.

Ulfinni mooti'ii bacinna kolba'aa ti;

kolbaan yoo hin jiraatin ammoo inni hin bada.

Nami ossatu hubantii guddoo qaba;

nami dafee aaru ammoo gowwummaa mudhisa.

Yaadi nageyaa jiruu nafaaf kenna;

hinaaffaan ammoo lafee tortorsa.

Nami hiyyeessa cunqursu

ka isa dade tuffata;

ka hiyyeeyyi'iif nayu ammoo

Waaqaaf ulfinna kenna.

Nami hamaan hammeenna ifiitiin bada;

nami balchaan du'a keessalle'etti

addee itti baqatu qaba.

Qarummaan gadhaa worra woy hubatuu keessa leeti;

isiin gadhaa gowwootaa keessatti ammoo hin beekkantu.

Balchummaan kolbaa ol qaddi;

cubbuun ammoo kolbuma mara salphitti.

Mootiin tajaajilaa qaro'otti hin gammada;

ka isa fokkisiisutti ammoo hin mufata.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.