Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Fakkeennaa 13

Ilmi qaroon gorsa abbaa ifii hin fudhata;

ilmi murgaamessi ammoo xixicha hin dhage'u.

Nami waan dansaa afaan isaa keessaa bayu irraa,

waan dansaa dhaggata;

worri hin addatanne ammoo

hunnaan nama irratti ka'iisaaf halchan.

Nami afaan ifii eegatu,

jiruu ifii eegata;

ka ifi eegataa hin dubbanne ammoo hin bada.

Nami boosenni hin halcha malee

womaa hin dhaggatu;

nami jabaatee huju ammoo waan halche hin dhaggata.

Nami balchaan dhara jibba;

nami hamaan ammoo qaani'ii fi salphinna fida.

Balchummaan nama yakkaa hin qanne eeddi;

hammeenni ammoo cubbaalessa balleessa.

Nami womaa adoo hin qabaatin

dureessa ifi fakkeessu tokko jira;

ka dhibiin ammoo qabeenna guddaa adoo qabuu

hiyyeessa ifi fakkeessu tokko jirra.

Nami dureessi karra ifiitiin

jiruu ifii wodatiisa dande'a fa'a te'a;

nami hiyyeessi ammoo

karra waan hin qanneef,

jiruu ifii wodatiisaaf itti hin rakkatu.

Ifi worra balcha'aa yennaa mara ifa;

issaan nama hama'aa ammoo hin dhaama.

Ifi jajiis lola qofa kaasa;

qarummaan ammoo worra gorsa fudhatu bira jirti.

Karri ariiti'iin dhaggatane ariifattee baddi;

ka diqqeessee diqqeessee

kuufate ammoo itti ede'ata.

Addiin yennaa turte gadhaa nama gaddisiitti;

halchaan muummotte ammoo

midhaan muka jiru'uu ti.

Nami gorsa tuffatu badii ifi irratti fida;

nami ajaja ulfeessu

ammoo gatii irraa dhaggata.

Barsiisi nama qaro'oo madda jiru'uu ti;

tiyyoo du'aa irraa nama deebisa.

Qalbeeffati dansaan ulfinna namaaf kenniti;

karaan worra hin addatannee ammoo bu'aa-bayi'i.

Nami qalbeeffataan beekkumsaan hujata;

gowwaan ammoo gowwummaa ifii

badhinnatti mudhisa.

Ergamaan hamaan rakkoo keessa gala;

ergamaan addatamaan ammoo nageya buusa.

Nama qajeelfama tuffatu

hiyyumma'aa fi salphinnatti itti dhufa;

nami xixicha dhage'ee deebi'uu ammoo hin ulfaata.

Halchaan muummottu namatti mi'ootti;

gowwooleen ammoo

waan hantuu irraa deebi'iisa jibban.

Nami qaroo woliin ideemu qaroo hin te'a;

waa'elli gowwa'aa ammoo hin farra.

Wonni hantuun cubbaaleyyii ariiti;

qananummaan ammoo gatii balcha'aa ti.

Nami dansaan ijoollee ijoollee ifiitiif

dhaala lakkisee dabara;

qabeenni cubbaalessaa ammoo

balcha'aaf kuufama.

Fichaan nama hiyyeessaa

midhaan bacaa kennuu dande'a;

haqa dhabiisi ammoo haxowee duraa balleessa.

Nami ilma ifii adabiisa mararfatu ilma ifii jibba;

ka jaalatu ammoo malaan adabee isa guddisa.

Nami balchaan haga quufutti nyaata;

nami hamaan yennaa mara beelota.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.