Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 98
Abbaa Murtii Addunyaa Hundaa
Faarfannaa.
Waaqayyoof faarfannaa haaraa faarfadhaa;
inni dinqii hojjeteeratii;
harki isaa inni mirgaatii fi irreen isaa qulqulluun,
akka inni moʼannaa argatu godhaniiru.
Waaqayyo akka fayyisuun isaa beekamu godheera;
qajeelummaa isaas sabootatti mulʼiseera.
Inni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa
mana Israaʼeliif yaadateera;
daariin lafaa hundinuu,
fayyisuu Waaqa keenyaa arganiiru.
Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa;
faarfannaa gammachuutiin iyyaa; weedduu galataas weeddisaa;
baganaadhaan faarfannaa galataa,
baganaa fi sagalee weedduutiin Waaqayyoof faarfadhaa;
malakataa fi sagalee gaanfaatiin,
fuula Waaqayyo mootichaa duratti ililchaa.
Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu,
addunyaa fi wanti ishee keessa jiraatu hundinuu haa huursan.
Lageen harka isaanii haa rurrukutan;
tulluuwwanis tokkummaadhaan haa ililchan;
isaan fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatan;
inni lafatti murteessuu ni dhufaatii.
Inni addunyaaf qajeelummaadhaan,
namootaaf immoo utuu wal hin caalchisin murtii kenna.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.