Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 99

Waaqa Qajeelaa

Waaqayyo moʼeera;

saboonni haa hollatan;

inni kiirubeel gidduu, teessoo isaa irra taaʼa;

lafti haa raafamtu.

Waaqayyo Xiyoon keessatti guddaa dha;

inni saboota hunda irra ol ol jedheera.

Isaan maqaa kee guddichaa fi sodaachisaa sana haa jajan;

inni qulqulluu dha.

Mootichi humna qabeessa; inni murtii qajeelaa jaallata;

ati tola hundeessiteerta;

Yaaqoob keessattis haqaa fi

qajeelummaa hojjetteerta.

Waaqayyo Waaqa keenya leellisaa;

ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa;

inni qulqulluu dha.

Musee fi Aroon luboota isaa keessa turan;

Saamuʼeelis warra maqaa isaa waammatan keessa ture;

isaan Waaqayyoon waammatan;

innis deebii kenneef.

Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbate;

isaanis sirna isaatii fi seera inni isaaniif kenne eegan.

Yaa Waaqayyo Waaqa keenya,

ati deebii isaanii kennite;

ati balleessaa isaanii adabdu illee,

Israaʼeliif Waaqa dhiifama gootu turte.

Waaqa keenya Waaqayyoon leellisaa;

tulluu isaa qulqulluu irrattis waaqeffadhaa;

Waaqayyo Waaqni keenya Waaqa qulqulluudhaatii.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.