Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 97
Moʼachuu Waaqayyo
Waaqayyo moʼeera; lafti haa gammaddu;
biyyoonni qarqara galaanaa hedduunis haa ililchan.
Duumessaa fi dukkanni limixiin isa marsaniiru;
qajeelummaa fi murtii qajeelaan hundee teessoo isaa ti.
Ibiddi fuula isaa dura deemee
diinota isaa naannoo isaatii fixa.
Balaqqeen isaa addunyaa ibsa;
laftis argitee hollatti.
Tulluuwwan fuula Waaqayyoo duratti,
fuula Gooftaa lafa hundumaa durattis akkuma gagaa baqu.
Samiiwwan qajeelummaa isaa labsu;
saboonni hundinuus ulfina isaa argu.
Warri fakkii waaqeffatan,
kanneen waaqota tolfamoon of jajan hundi haa qaaneffaman;
isin waaqonni hundinuus isa waaqeffadhaa!
Yaa Waaqayyo, sababii murtii keetiitiif,
Xiyoon dhageessee ililchiti;
gandoonni Yihuudaas ni gammadu.
Yaa Waaqayyo, ati lafa hundumaa irratti Waaqa Waan Hundaa Olii ti;
ati waaqota hundumaa irra akka malee ol ol jetteerta.
Sababii inni lubbuu amanamoota isaa eegee,
harka hamootaa jalaa isaan baasuuf,
warri Waaqayyoon jaallatan hammina haa jibban.
Qajeeltota irratti ifni ni ifa;
gara tolootaafis gammachuun ni dhufa.
Isin qajeeltonni Waaqayyotti gammadaa;
maqaa isaa qulqulluus galateeffadhaa.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.