Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 96
Waaqni Mootii Fi Abbaa Murtii ti
96:1‑13 kwf – 1Sn 16:23‑33
Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa;
lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa.
Waaqayyoon faarfadhaa; maqaa isaa eebbisaa;
fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.
Ulfina isaa saboota gidduutti,
hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.
Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala;
inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba.
Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii;
Waaqayyo garuu samiiwwan uume.
Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru;
jabinnii fi ulfinni iddoo qulqullummaa isaa keessa jiru.
Yaa maatiiwwan sabootaa Waaqayyoof kennaa;
ulfinaa fi jabina Waaqayyoof kennaa.
Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa;
aarsaa fidaatii oobdii isaa seenaa.
Bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa;
isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa.
Saboota gidduutti, “Waaqayyo mootii dha” jedhaa;
addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu.
Inni qajeelummaadhaan sabootaaf murtii kenna.
Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu;
galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu.
Dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadan.
Mukkeen bosonaa hundinuus gammachuudhaan haa faarfatan.
Uumamni hundi fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatu; inni ni dhufaatii;
inni lafatti murteessuuf ni dhufa.
Addunyaatti qajeelummaadhaan,
sabootatti immoo dhugaa isaatiin ni mura.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.