Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 95
Faarfannaa Guyyaa Guyyaatti Faarfatamu
Kottaa Waaqayyoof faarfannaa;
Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa.
Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu;
faarfannaadhaanis isa haa leellifnu.
Waaqayyo Waaqa guddaadhaatii;
inni waaqota hundaa olitti Mootii guddaa dha.
Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru;
fiixeewwan tulluus kan isaa ti.
Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii;
lafa gogaa illee harka isaatu uume.
Kottaa gad jennee sagadnaa;
Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa;
inni Waaqa keenyaatii;
nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha;
bushaayee harka isaa keessa jiruudhas.
Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan,
akka Mariibaatti gootan sana,
akka gaafa gammoojjii keessatti Maasaatti gootan sanaa // mataa hin jabaatinaa;
abbootiin keessan utuma hojii koo arganuu,
achitti qoranii na ilaalan.
Dhaloota sanatti ani waggaa afurtama nan dheekkame;
anis, “Isaan saba garaan isaanii karaa irraa jalʼatee dha;
isaan karaa koo hin beekne” nan jedheen.
Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin,
“Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedhee kakadhe.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.