Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 46
Waaqayyo nu wajjin jira
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Haala Alaamootiitiin.
Waaqni daʼoo fi jabina keenya;
inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.
Kanaafuu yoo lafti raafamtee
tulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu.
Utuu bishaan isaas huursee hoomachaaʼee
tulluuwwanis raafama isaatiin sochoʼan iyyuu nu hin sodaannu.
Lagni yaaʼaan isaa magaalaa Waaqaa gammachiisu
kan iddoo qulqulluu Waaqni Waan Hundaa Olii jiraatuuf // gammachuu kennu tokko jira.
Waaqni magaalattii keessa jira; isheenis hin raafamtu;
ganama barii Waaqni ishee gargaara.
Saboonni ni raafaman; mootummoonnis ni kufan;
inni sagalee isaa dhageessise; laftis ni baqxe.
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira;
Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.
Kottaa, hojii Waaqayyoo ilaalaa;
badiisa inni lafa irratti fides argaa.
Inni hamma handaara lafaatti waraana ni balleessa;
iddaa ni cabsa; eeboo ni burkuteessa;
gaachanas ibiddaan guba.
“Calʼisaa; akka ani Waaqa taʼes beekaa;
ani saboota gidduutti ol ol nan jedha;
lafa irrattis ol ol nan jedha.”
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira;
Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.