Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 45
Faarfannaa Cidha Mootii
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo ilmaan Qooraahi kan “Daraaraa” jedhamu. Maskiil. Faarfannaa cidhaa.
Yommuu ani mootiidhaaf faarfadhutti,
yaadni gaariin garaa koo guutee irra dhangalaʼa;
arrabni koos akkuma biirii barreessaa ogeessa tokkoo ti.
Ati nama hundumaa caalaa miidhagaa dha;
hidhii kee irra surraatu dhangalaʼa;
kanaafuu Waaqni bara baraan si eebbiseera.
Yaa gooticha, goraadee kee luqqeettuutti hidhadhu;
ulfinaa fi surraa uffadhu.
Sababii dubbii dhugaatiif, gad of qabiisaa fi qajeelummaatiif,
miidhagina keetiin moʼannaadhaan fuula duratti gulufi;
harki kee mirgaas hojii sodaachisaa haa hojjetu.
Xiyyawwan kee qara qabeeyyiin sun onnee diinota mootii haa waraanan;
saboonnis miilla kee jalatti haa jijjiganii.
Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata;
bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.
Ati qajeelummaa jaallatta; jalʼina immoo ni jibbita;
kanaafuu Waaqayyo, Waaqni kee hiriyoota kee caalaatti,
zayitiidhaan gammachuu si dibeera.
Uffanni kee hundinuu qumbiidhaan,
argeessaa fi qundhiidhaan ni urgaaʼa;
masaraawwan ilka arbaatiin miidhagfaman keessattis
muuziiqaan miʼa ribuu si gammachiisa.
Intallan moototaa dubartoota kee warra kabajamoo keessa jiru;
mootittiinis warqee Oofiiriitiin miidhagfamtee
karaa harka mirga keetii dhaabatti.
Yaa intalaa dhagaʼi; hubadhu; gurra kees as qabi;
saba keetii fi mana abbaa keetii irraanfadhu.
Mootiin miidhagina kee hawwa;
waan inni gooftaa kee taʼeef isa kabaji.
Intalli Xiiroos kennaa fiddee dhufti;
sooreyyiinis garaa si laafifachuu barbaadu.
Intalli mootii ulfina guddaadhaan diinqa ishee jirti;
uffanni ishees warqeedhaan dhaʼame.
Isheenis uffata halluu garaa garaa qabu uffattee // gara mootiitti geeffamti;
durboonni waaʼelli ishees ishee duukaa buʼanii // gara keetti fidamu.
Isaanis gammachuu fi ililleedhaan ol galfamu;
masaraa mootichaas ni seenu.
Ilmaan kee iddoo abbootii keetii buʼan;
atis lafa hunda irratti isaan ni moosifta.
Ani akka maqaan kee dhaloota hunda keessatti yaadatamu nan godha;
kanaafuu saboonni bara baraa hamma bara baraatti si jajatu.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.