Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 4

Kadhannaa Galgalaa

Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan Baganaadhaan Faarfatamu.

Yaa Waaqa qajeelumma kootii,

yommuu ani si waammadhutti deebii naa kenni.

Ati yeroo rakkina kootti na boqochiisi;

araara kee naa buusi; kadhaa koos dhagaʼi.

Yaa ilmaan namootaa, isin hamma yoomiitti ulfina koo gara salphinaatti deebiftu?

Isin hamma yoomiitti waan faayidaa hin qabne jaallattanii soba barbaaddu?

Isin akka Waaqayyo warra isaaf bulan ofii isaatiif addaan baafate beekaa;

Waaqayyo yommuu ani isa waammadhutti na dhagaʼa.

Yeroo aartanitti cubbuu hin hojjetinaa;

yommuu siree keessan irra jirtanitti,

garaa keessan keessatti yaadaa; calʼisaas.

Aarsaa qajeelummaa dhiʼeessaa;

Waaqayyonis amanadhaa.

Namoonni, “Eenyutu waan gaarii nu argi argisiisa?” jedhan baayʼee dha;

yaa Waaqayyo, ifni fuula keetii nurratti haa ifu.

Gammachuu isaan yeroo midhaanii fi daadhiin wayinii isaanii baayʼatutti argatan caalaa,

ati garaa koo gammachuu guddaadhaan guutteerta.

Ani nagaadhaan nan ciisa; nan rafas;

yaa Waaqayyo si qofatu,

sodaa malee na jiraachisaatii.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.