Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 3

Kadhannaa Nama Ariʼatamaa Jiruu

Faarfannaa Daawit yeroo ilma isaa Abesaaloom jalaa baqatetti faarfate.

Yaa Waaqayyo, diinonni koo akkam baayʼatu!

Namoonni baayʼeen natti kaʼaniiru!

Namoonni baayʼeen, “Waaqni isa hin baraaru” jedhanii

waaʼee koo dubbatu.

Yaa Waaqayyo, ati garuu naannoo kootti gaachana koo ti;

ulfina kootis; mataa koos kan ol qabdu suma.

Ani guddisee Waaqayyotti nan iyyadha;

innis tulluu isaa qulqulluu irraa deebii naa kenna.

Ani nan ciisa; nan rafas;

waan Waaqayyo ol na qabuuf nan dammaqa.

Saba kumaatama qixa hundaan

kaʼee na marse ani hin sodaadhu.

Yaa Waaqayyo kaʼi!

Yaa Waaqa koo na baraari!

Mangaagaa diinota kootii hundumaa rukuti;

ilkaan hamootaa illee caccabsi.

Fayyinni kan Waaqayyoo ti.

Eebbi kee saba kee irra haa jiraatu.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.