Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 5
Kadhannaa Ganamaa
Faarfannaa Daawitii kan ululleedhaan faarfatamu.
Yaa Waaqayyo, gurra kee dubbii kootti qabi;
aaduu koo illee naa hubadhu.
Yaa mootii koo fi Waaqa ko,
iyya ani gargaarsaaf iyyadhu dhaggeeffadhu;
ani sin kadhadhaatii.
Yaa Waaqayyo, ganamaan sagalee koo ni dhageessa;
anis ganamaan kadhata koo fuula kee duratti nan dhiʼeessa;
abdiidhaanis nan eeggadha.
Ati Waaqa hamminatti gammadu miti;
hamaanis si wajjin hin jiraatu.
Of tuultonni fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan.
Atis warra jalʼina hojjetan hunda ni jibbita;
Ati warra soba dubbatan ni balleessita.
Waaqayyo warra dhiiga dheebotanii fi
warra nama gowwoomsan ni xireeffata.
Ani garuu araara kee baayʼee sanaan mana keetti ol nan gala;
si sodaachuudhaanis gad jedhee
gara mana qulqullummaa kee qulqulluu sanaatti garagalee nan sagada.
Yaa Waaqayyo, sababii diinota kootiif jedhiitii
qajeelummaa keetiin na dura buʼi;
karaa kees fuula koo duratti naa qajeelchi.
Dubbiin afaan isaaniitii baʼu tokko iyyuu hin amanamu;
garaan isaanii badiisaan guutameera.
Laagaan isaanii awwaala banamaa dha;
arraba isaaniitiin ni sobu.
Yaa Waaqayyo, yakkitoota taʼuu isaanii isaanitti beeksisi!
Daba isaaniitiinis haa kufan.
Baayʼina cubbuu isaaniitiin isaan balleessi;
isaan sitti fincilaniiruutii.
Warri kooluu sitti galan hundinuu garuu haa gammadan;
bara baraanis gammachuudhaan haa faarfatan.
Akka warri maqaa kee jaallatan sitti gammadaniif
ati eegumsa kee isaan irra diriirsi.
Yaa Waaqayyo, ati qajeeltota ni eebbiftaatii;
akka gaachanaattis surraa keetiin isaan marsita.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.