Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 146

Waaqa Nama Gargaaru Faarfachuu

Haalleluuyaa.

Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon galateeffadhu.

Ani bara jireenya koo guutuu Waaqayyoon nan galateeffadha;

ani hamman jirutti Waaqaaf nan faarfadha.

Abdii keessan bulchitoota irra,

namoota duʼa hin oolle // warra isin gargaaruu hin dandeenye irra hin kaaʼatinaa.

Isaan yeruma lubbuun isaan keessaa baatu gara lafaatti deebiʼu;

guyyuma sanas karoorri isaanii bada.

Namni gargaarsi isaa Waaqa Yaaqoob taʼe, kan abdiin isaas

Waaqayyo Waaqa isaa taʼe eebbifamaa dha.

Waaqayyo Uumaa samii fi lafaa,

galaanaa fi waan isaan keessa jiru hundaa ti;

inni bara baraan amanamaa taʼe jiraata.

Inni warra cunqurfamaniif ni mura;

warra beelaʼaniif nyaata kenna.

Waaqayyo warra hidhaman illee ni hiika;

Waaqayyo jaamotaaf agartuu ni kenna;

Waaqayyo warra gad deebiʼan ol qaba;

Waaqayyo qajeeltota ni jaallata.

Waaqayyo alagaadhaaf eegumsa ni godha;

ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi

dubartoota dhirsoonni irraa duʼan ni jiraachisa;

karaa jalʼootaa garuu ni balleessa.

Waaqayyo bara baraan ni moʼa;

Yaa Xiyoon, Waaqni kee dhaloota hundaaf mootii taʼa.

Haalleluuyaa.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.