Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 147
Faarfannaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuf Faarfatame
Haalleluuyaa.
Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha;
isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha!
Waaqayyo Yerusaalemin ni ijaara;
Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba.
Warra garaan cabe ni fayyisa;
madaa isaaniis walitti hodha.
Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka;
tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama.
Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha;
hubannaan isaas dhuma hin qabu.
Waaqayyo warra gad qabaman ni jiraachisa;
hamoota garuu lafatti darbata.
Galata galchaa Waaqayyoon faarfadhaa;
baganaadhaanis Waaqa keenyaaf weeddisaa.
Inni samiiwwani duumessaan haguuga;
lafaafis bokkaa kenna;
tulluuwwan irrattis marga biqilcha.
Horiidhaaf waan isaan dheedan,
yommuu ilmaan arraagessaa iyyanitti // nyaata isaaniif ni kenna.
Inni jabina fardaatti hin gammadu;
yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu;
Waaqayyo warra isa sodaatanitti,
warra araara isaa abdatanitti ni gammada.
Yaa Yerusaalem, Waaqayyoon galateeffadhu;
Yaa Xiyoon Waaqa kee galateeffadhu.
Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii;
ijoollee kees si keessatti eebbisa.
Daarii keetiif nagaa kenna;
qamadii qulqulluudhaanis si quubsa.
Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga;
dubbiin isaas ni ariifata.
Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa;
qorras akkuma daaraatti bittinneessa.
Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata.
Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa;
bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu.
Inni dubbii isaa Yaaqoobitti,
seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera.
Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone;
isaan seera isaa hin beekan.
Haalleluuyaa.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.