Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 145

Waaqayyo Mootichaaf Galata Galchuu

Faarfannaa Daawit.

Yaa Waaqa koo Mooticha, ani sin leellisa;

bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha.

Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha;

bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa.

Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf;

guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.

Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima;

hojiiwwan kee jajjaboos ni labsa.

Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa // surraa kee sanaa ni dubbatu;

anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼee // itti nan yaada.

Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu;

anis guddina kee nan labsa.

Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu;

waaʼee qajeelummaa keetiis ililchanii faarfatu.

Waaqayyo arjaa fi gara laafessa;

inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.

Waaqayyo, nama hundaaf gaarii dha;

inni waan uume hundaaf garaa ni laafa.

Yaa Waaqayyo, hojiin kee hundinuu si galateeffata;

qulqulloonni kees si leellisu.

Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu;

waaʼee humna keetiis ni dubbatu;

kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa,

surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif.

Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti;

bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba.

Waaqayyo dubbii isaa hundaan amanamaa dha;

hojii isaa hundaanis arjaa dha.

Waaqayyo warra kufan hunda ol qaba;

warra gad qabaman hundas ni kaasa.

Iji nama hundaa si eeggata;

atis yeroo barbaachisutti nyaata isaaniif ni kennita.

Ati harka kee balʼiftee

fedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta.

Waaqayyo karaa isaa hundaan qajeelaa dha;

hojii isaa hundaanis arjaa dha.

Waaqayyo warra isa waammatan hundatti,

warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.

Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta;

kadhannaa isaanis dhagaʼee isaan oolcha.

Waaqayyo warra isa jaallatan hunda ni eega;

jalʼoota hunda garuu ni balleessa.

Afaan koo Waaqayyoon galateeffachuudhaan ni dubbata.

Uumamni hundinuu maqaa isaa qulqulluu sana

bara baraa hamma bara baraatti haa eebbisu.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.