Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 144
Moʼannaa Argachuuf Kadhachuu
Faarfannaa Daawit.
Waaqayyo kattaa koo,
isa harka koo waraanaaf,
quba koos lolaaf leenjisu sanaaf galanni haa gaʼu.
Inni Waaqa na jaallatuu fi daʼoo koo ti;
iddoo ani itti daʼadhuu fi fayyisaa koo ti.
Gaachana koo, iddoo ani itti kooluu galu,
kan na jalatti saba naaf bulchuu dha.
Yaa Waaqayyo, akka ati waaʼee isaa yaadduuf, namni maali?
Akka ati isaaf yaadduuf ilmi namaa maali?
Namni akkuma qilleensa shuf jedhee darbuuti,
barri isaas akkuma gaaddisa darbuu ti.
Yaa Waaqayyo, samiiwwan kee tarsaasii gad buʼi;
akka aarri isaan keessaa yaaʼuufis tulluuwwan tuqi.
Bakakkaa ergiitii diina bittinneessi;
xiyya kee darbadhuutii isaan balleessi.
Ol gubbaadhaa harka kee gad hiixadhuutii
bishaan jabaa jalaa,
harka alagaa duraas,
na baasi; na oolchis;
warra afaan isaanii sobaan guutame,
warra harki isaanii mirgaa nama dogoggorsu duraa na baasi.
Yaa Waaqi, ani faarfannaa haaraa siif nan faarfadha;
kiraara ribuu kudhaniitiinis siifin weeddisa;
isa moototaaf moʼannoo kennuuf, isa garbicha isaa Daawitin
goraadee nama ajjeesu jalaa baasuuf nan faarfadha.
Harka Ormootaa duraa,
warra afaan isaanii sobaan guutame,
warra harki isaanii mirgaa
nama dogoggorsu jalaa na baasi; na oolchis.
Ilmaan keenya dargaggummaa isaanii keessatti,
akka biqiltuu tolee guddatee haa taʼan;
intallan keenyas akka utubaa golee,
kan masaraa mootummaa miidhagsuuf // soofamee haa taʼan.
Gombisaawwan keenya,
midhaan gosa garaa garaatiin haa guutaman.
Hoolonni keenya kumaatama haa dhalan;
dirree keenya irrattis kumaatama kudhaniin // haa baayʼatan;
loon keenya haa dorroban hin gatatin
yookaan yeroo malee hin dhalin;
boojiʼamuunis hin jiraatin;
wawwaachuunis karaa keenya irratti hin dhagaʼamin.
Warri eebbi kun taʼeef haa gammadan;
warri Waaqayyo Waaqa isaanii taʼeef eebbifamoo dha.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.