Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 115

Waaqa Dhugaa Tokkicha

115:4‑11 kwf – Far 135:15‑20

Nuuf miti; yaa Waaqayyo, nuuf miti;

garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii

maqaa keetiif ulfina kenni.

Saboonni maaliif,

“Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu?

Waaqni keenya samii keessa jira;

inni waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.

Waaqonni isaanii tolfamoon garuu meetii fi

warqee harka namaatiin hojjetamanii dha.

Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan;

ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;

gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan;

funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan;

harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan;

miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan;

laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman.

Warri isaan tolchan

kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.

Yaa mana Israaʼel, Waaqayyoon amanadhu;

inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.

Yaa mana Aroon, Waaqayyoon amanadhu;

inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.

Isin warri isa sodaattan, Waaqayyoon amanadhaa;

inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.

Waaqayyo nu yaadata; nu eebbisas;

inni mana Israaʼel ni eebbisa;

mana Aroonis ni eebbisa;

inni warra Waaqayyoon sodaatan,

xinnaas guddaas ni eebbisa.

Waaqayyo, isinii fi

ijoollee keessan haa baayʼisu.

Waaqayyo samii fi

lafa Uume sun isin haa eebbisu.

Samiin samiiwwanii oliis kan Waaqayyoo ti;

lafa garuu inni namaaf kenneera.

Warri duʼan yookaan warri gara iddoo calʼisanitti gad buʼan

Waaqayyoon galateeffachuu hin dandaʼan;

nu garuu ammaa jalqabnee bara baraan

Waaqayyoon ni eebbifna.

Haalleluuyaa.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.