Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 114
Faarfannaa Faasiikaaf Dhiʼeeffamu
Yeroo sabni Israaʼel biyya Gibxii, manni Yaaqoobis
saba afaan ormaa dubbatu keessaa baʼetti,
Yihuudaan mana qulqullummaa Waaqaa,
Israaʼel immoo bulchiinsa isaa taʼe.
Galaanni argee baqate;
Yordaanosis duubatti deebiʼe;
tulluuwwan akka korbeeyyii hoolaa,
gaarranis akkuma xobbaallaawwan hoolaa burraaqan.
Yaa galaana, ati maaliif baqatte?
Yaa Yordaanos, atis maaliif duubatti deebite?
Yaa tulluuwwan, isin maaliif akka korbeeyyii hoolaa,
yaa gaarran isinis maaliif akka xobbaallaawwan hoolaa burraaqxu?
Yaa lafa, fuula Gooftaa duratti,
fuula Waaqa Yaaqoob duratti holladhu;
inni kattaa gara harootti,
kattaa jabaa immoo gara burqaa bishaaniitti geeddare.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.