Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 113
Galata Waaqayyoof Dhiʼeeffame
Haalleluuyaa.
Yaa tajaajiltoota Waaqayyoo, galata galchaa;
maqaa Waaqayyoo jajadhaa.
Ammaa hamma bara baraatti
maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu.
Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti,
maqaan Waaqayyoo haa jajamu.
Waaqayyo saba hundaa ol jira;
ulfinni isaas samiiwwanii ol.
Kan akka Waaqayyo Waaqa keenya
isa gubbaa teessoo isaa irra taaʼu sanaa eenyu?
Kan gad jedhee
samii fi lafa ilaalu eenyu?
Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa;
rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha;
inni bulchitoota gidduu,
bulchitoota saba isaa gidduus isaan teessisa.
Inni akkuma haadha ijoollee kan gammachuudhaan jiraattuutti,
dubartii maseena mana ishee keessa ni jiraachisa.
Haalleluuyaa.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.