Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 112
Eebbifamuu Nama Qajeelaa
Haalleluuyaa.
Namni Waaqayyoon sodaatu,
kan ajaja isaatti baayʼee gammadu eebbifamaa dha.
Sanyiin isaa lafa irratti jabaa taʼa;
dhaloonni tolootaa ni eebbifama.
Qabeenyii fi badhaadhummaan mana isaa keessa jira;
qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.
Nama tolaa fi arjaadhaaf,
gara laafessaa fi qajeelaaf, // dukkana keessatti iyyuu ifni ni baʼa.
Nama arjaa fi nama waa namaa liqeessuuf,
nama hojii isaa qajeelummaadhaan adeemsifatuuf // waan gaariitu taʼa.
Dhugumaan inni gonkumaa hin raafamu;
namni qajeelaan bara baraan yaadatama.
Inni oduu hamaa hin sodaatu;
garaan isaas Waaqayyoon amanachuudhaan // jabaatee dhaabata.
Garaan isaa hin raafamu; hin sodaatus;
dhuma irrattis diinota isaa moʼata.
Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiifis ni kenne;
qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata;
gaanfi isaas ulfinaan ol qabama.
Namni hamaan waan kana argee aara;
ilkaan isaa qara; baqees ni bada;
hawwiin hamootaa faayidaa malee hafa.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.