Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 116

Haalleluuyaa

Ani Waaqayyoon nan jaalladha;

inni sagalee waammata kootii naa dhagaʼeeraatii.

Sababii inni gurra isaa gara kootti deebiseef,

ani hamman lubbuun jiraadhutti isa nan waammadha.

Kiyyoon duʼaa na marse;

dhiphinni Siiʼoolis na qabate;

ani rakkinaa fi gaddaan nan moʼame.

Anis, “Yaa Waaqayyo na oolchi!” jedhee

maqaa Waaqayyoo nan waammadhe.

Waaqayyo arjaa fi qajeelaa dha;

Waaqni keenya gara laaffessa.

Waaqayyo garraamota ni eega;

yeroo ani baayʼee rakkadhetti isatu na gargaare.

Yaa lubbuu ko, boqonnaa keetti deebiʼi;

Waaqayyo waan gaarii siif godheeraatii.

Ati yaa Waaqayyo lubbuu koo duʼa irraa,

ija koo imimmaan irraa,

miilla koo gufachuu irraa waan oolchiteef,

ani biyya warra jiraatoo keessa,

fuula Waaqayyoo dura nan jiraadha.

Ani yeroo, “Ani baayʼee dhiphadheera” jedhetti,

amantii koo eeggadheera.

Ani yommuun burjaajaʼetti,

“Namni hundinuu sobduu dha” nan jedhe.

Waan gaarii inni naa godhe hundaaf,

ani Waaqayyoof maalan deebisa?

Ani xoofoo fayyinaa ol kaasee

maqaa Waaqayyoo nan waammadha.

Fuula saba isaa hundumaa duratti,

ani wareega koo Waaqayyoof nan galcha.

Duuti qulqulloota isaa,

fuula Waaqayyoo duratti ulfina qaba.

Yaa Waaqayyo, ani dhugumaan tajaajilaa kee ti;

ani tajaajilaa kee ilma tajaajiltuu keetii ti;

ati foncaa koo narraa hiikteerta.

Ani aarsaa galataa siif nan dhiʼeessa;

maqaa Waaqayyoos nan waammadha.

Iddoo sabni isaa hundi jirutti,

ani wareega koo Waaqayyoof nan galcha;

yaa Yerusaalem si keessatti,

oobdii mana Waaqayyoo irrattis nan galcha.

Haalleluuyaa.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.