Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 102
Kadhannaa Yeroo Rakkinaa
Kadhannaa Namni Dhiphate Tokko Faaruu Booʼichaa Faarsee Fuula Waaqayyoo Duratti Dhiʼeeffatu.
Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi;
iyyi ani gargaarsaaf iyyadhus si bira haa gaʼu.
Yeroo ani dhiphadhetti,
fuula kee na duraa hin dhoksin.
Gurra kee gara kootti deebisi;
yommuu ani si waammadhu dafiitii deebii naa kenni.
Barri koo akkuma aaraatti ni badaatii;
lafeen koos akkuma barbadaa ibiddaa bobaʼaa jira.
Garaan koo dhukkubsatee akkuma margaa coollageera;
ani nyaata koo nyaachuu irraanfadheera.
Sababii ani guddisee aaduuf,
lafeen koo gogaa kootti maxxaneera.
Ani akka urunguu gammoojjii,
akka urunguu lafa barbadaaʼe keessaa nan taʼe.
Ani hirriba malee nan bula;
akka simbirroo kophaa ishee guutuu manaa irra jirtuus taʼeera.
Diinonni koo guyyaa guutuu na arrabsu;
warri natti qoosanis abaarsaaf maqaa kootti fayyadamu.
Ani akkuma buddeenaatti daaraa nyaadheeraattii;
dhugaatii koottis imimmaan makadheera;
kunis sababii aarii fi dheekkamsa keetiitiif natti dhufe;
ati ol na fuutee gad na darbatteertaatii.
Barri koo akkuma gaaddidduu galgalaa ti;
anis akkuma margaa gogeera.
Yaa Waaqayyo, ati bara baraan teessoo irra jirta;
yaadannoon kees dhaloota hundatti darba.
Ati kaatee Xiyooniif garaa ni laafta;
yeroon itti isheen fudhatama argachuu qabdu ammumaatii;
yeroon murteeffame sun gaʼeeraa.
Garboonni kee dhagaa isheetti gammaduutii;
biyyoo ishees ni mararfatu.
Saboonni maqaa Waaqayyoo ni sodaatu;
mootonni lafaa hundinuus ulfina kee ni kabaju.
Waaqayyo deebisee Xiyoonin ijaaraatii;
ulfina isaatiinis ni mulʼata.
Inni kadhannaa gadadamtootaa ni dhagaʼa;
waammata isaaniis hin tuffatu.
Akka sabni hamma ammaatti hin dhalatin Waaqayyoon galateeffatuuf,
wanni kun akkana jedhamee dhaloota dhufuuf haa barreeffamu:
“Waaqayyo iddoo qulqullummaa isaa gubbaa irraa gad ilaale;
samii irraas gara lafaa gad milʼate;
kanas aaduu warra hidhamanii dhagaʼuu fi
warra duuti itti murame baasuudhaaf hojjete.”
Akkasiin maqaan Waaqayyoo Xiyoon keessatti,
galanni isaas Yerusaalem keessatti ni labsama;
kunis yommuu saboonnii fi mootummoonni,
Waaqayyoon waaqeffachuuf walitti qabamanitti taʼa.
Inni jabina koo karaatti hambise;
umurii koos ni gabaabse.
Anis akkanan jedhe:
“Yaa Waaqa ko, walakkaa umurii kootti na hin fudhatin;
waggoonni kee dhalootaa hamma dhaloota hundaatti itti fufu.
Ati jalqabatti lafa hundeessite;
samiiwwanis hojii harka keetii ti.
Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta;
hundumti isaanii akkuma wayyaa ni dhumu.
Ati akkuma uffataa isaan geeddarta;
isaanis ni badu.
Ati garuu sanuma;
umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.
Ijoolleen garboota keetii sodaa malee jiraatu;
sanyiin isaaniis fuula kee dura jiraata.”
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.