Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Faarfannaa 101
Bulchiinsa Qajeelaa
Faarfannaa Daawit.
Ani jaalala keetii fi murtii kee qajeelaa sanaaf nan faarfadha;
Yaa Waaqayyo ani siif nan faarfadha.
Ani jireenya hirʼina hin qabne jiraachuuf of nan eeggadha;
ati yoom gara koo dhufta?
Ani garaa qulqulluudhaan,
mana koo nan jiraadha.
Ani ija koo dura,
waan hamaa hin kaaʼu.
Hojii jalʼootaa nan jibba;
nattis hin qabatu.
Namoonni yaada micciiramaa qaban narraa haa fagaatan;
ani jalʼina wajjin tokkummaa hin qabaadhu.
Nama dhoksaan ollaa isaa hamatu kam iyyuu,
ani afaan nan qabachiisa;
nama tuffiin nama ilaaluu fi kan garaa of tuulu qabuuf,
ani obsa hin qabaadhu.
Akka isaan na wajjin jiraataniif,
iji koo amanamoota biyyattii irra jiraatti;
namni karaa qajeelaa irra deemu, inni na tajaajila.
Namni nama gowwoomsu tokko iyyuu
mana koo keessa hin jiraatu;
namni soba dubbatu tokko iyyuu
fuula koo dura hin dhaabatu.
Ani jalʼoota biyyattii hunda,
ganama ganama nan barbadeessa;
warra waan hamaa hojjetan
magaalaa Waaqayyoo keessaa nan balleessa.
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.