Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Faarfannaa 103

Waaqni Jaalala

Faarfannaa Daawit.

Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi;

keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.

Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi;

tola isaa hundas hin irraanfatin.

Inni cubbuu kee hundumaa siif dhiisa;

dhukkuba kee hundumaa ni fayyisa;

jireenya kee boolla irraa ni baraara;

jaalalaa fi gara laafinaan si gonfa;

akka dargaggummaan kee akkuma risaa haaromfamuufis,

inni fedhii kee waan gaariidhaan ni guuta.

Waaqayyo warra cunqurfaman

hundaaf qajeelummaa fi murtii qajeelaa kenna.

Inni karaa isaa Museetti,

hojii isaa immoo saba Israaʼelitti beeksise.

Waaqayyo gara laafessaa fi arjaa dha;

inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.

Inni yeroo hunda hin dheekkamu;

aarii isaa illee bara baraan hin kuufatu;

inni akka cubbuu keenyaatti nu hin adabne;

yookaan akka balleessaa keenyaatti nuuf hin deebifne.

Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana,

jaalalli inni warra isa sodaataniif qabu akkasuma guddaa dha;

akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu,

akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.

Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu,

Waaqayyo warra isa sodaataniif garaa ni laafa;

inni akka nu itti uumamne ni beekaatii;

akka nu biyyoo taanes ni yaadata.

Barri namaa akkuma margaa ti;

akka abaaboo dirrees ni misa;

inni yeroo bubbeen itti bubbisutti ni bada;

iddoon isaas deebiʼee isa hin yaadatu.

Jaalalli Waaqayyoo garuu bara baraa hamma bara baraatti

warra isa sodaatan wajjin ni jiraata;

qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba;

warra kakuu isaa eeganitti,

warra ajaja isaatti buluu yaadatanittis ni darba.

Waaqayyo teessoo isaa samii keessa dhaabbateera;

mootummaan isaas waan hunda bulcha.

Isin ergamoonni isaa, warri ajaja isaa eegdan jajjaboon,

warri dubbii isaatiif ajajamtanis Waaqayyoon eebbisaa.

Raayyaan isaa hundinuu, isin tajaajiltoonni isaa

warri fedhii isaa guuttan Waaqayyoon eebbisaa.

Uumamawwan bulchiinsa isaa

jala lafa hunda jirtan hundi Waaqayyoon eebbisaa.

Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.