Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Fakkeenya 19

Gowwaa daba dubbatuu mannaa

hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya.

Namni beekumsa hin qabne gaarii miti;

miilli jarjarus karaa irraa jalʼata.

Gowwummaan namaa karaa isaa jalʼisa;

garaan isaa immoo Waaqayyotti aara.

Badhaadhummaan michoota hedduu nama argachiisa;

hiyyeessi garuu michoota isaa irraa gargar baʼa.

Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu;

namni soba odeessuus jalaa hin baʼu.

Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada;

namni hundis michuu nama waa namaa kennuu ti.

Obboloonni hiyyeessaa hundinuu isa jibbu;

yoos michoonni isaa hammam caalaa isa irraa haa fagaatan ree!

Inni kadhachaa isaan duukaa buʼu iyyuu

isaan eessattuu hin argaman.

Namni qalbii qabu ofii isaa jaallata;

namni hubannaa jaallatu ni milkaaʼa.

Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu;

namni soba odeessus ni bada.

Jireenya qananii jiraachuun gowwaaf hin malu;

yoos ilmaan mootii bulchuun garbichaaf // hammam caalaa haa hammaatu ree?

Ogummaan nama tokkoo obsa kennaaf;

balleessaa namaa irra darbuunis isaaf ulfina.

Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti,

surraan isaa immoo akkuma fixeensa marga irratti.

Ilmi gowwaan abbaa isaatiif badiisa;

niitiin nyakkiftunis

akka mana yeroo hundumaa dhimmisuu ti.

Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu;

niitii qalbii qabdu garuu Waaqayyotu namaaf kenna.

Dhibaaʼummaan hirriba guddaa namatti buusa;

namni hojii malee taaʼus ni beelaʼa.

Namni ajaja eegu lubbuu isaa eeggata;

kan karaa isaa tuffatu immoo ni duʼa.

Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa;

Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa.

Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabadhu;

akka inni duʼuufis calʼistee hin ilaalin.

Namni dafee aaru adabamuu qaba;

ati yoo isa oolchite, amma illee akkasuma gochuu qabda.

Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu;

dhuma irratti ati nama ogeessa taata.

Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira;

garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Waaqayyoo ti.

Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha;

sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya.

Waaqayyoon sodaachuun jireenyatti nama geessa;

yoos namni boqonnaadhaan jiraata; // rakkinnis isa hin argatu.

Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa;

gara afaan isaattis hin deebifatu!

Qoostuu garafi; wallaalaan hubannaa argataa;

nama qalbii qabu ifadhu; inni beekumsa argataatii.

Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu,

ilma qaanii fi salphina fiduu dha.

Yaa ilma ko, mee qajeelfama dhaggeeffachuu dhiisi;

ati dubbii beekumsaa irraa ni baddaa.

Dhuga baʼaan faayidaa hin qabne murtii qajeelaa tuffata;

afaan hamootaa immoo hammina liqimsa.

Qoostotaaf adabbii,

dugda gowwootaatiif immoo rukuttaatu qopheeffama.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.