Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Fakkeenya 18

Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa;

murtii dhugaa hundaanis ni morma.

Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu;

garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada.

Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa;

salphinnis qaanii wajjin dhufa.

Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha;

burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha.

Gara nama hamaa goruun // yookaan nama balleessaa hin qabne

murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti.

Hidhiin gowwaa lola fida;

afaan isaas rukutamuu itti waama.

Afaan gowwaa badiisa isaa ti;

hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti.

Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti;

gara kutaa garaattis gad buʼa.

Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu,

obboleessa nama waa balleessuu ti.

Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha;

namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.

Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha;

isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu.

Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula;

gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.

Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun,

gowwummaa fi qaanii dha.

Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa;

hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa?

Garaan nama hubataa beekumsa argata;

gurri ogeessaas waan kana barbaada.

Kennaan abbicha kennuuf karaa bana;

fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa.

Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti,

namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokko // dhugaa qabeessa fakkaata.

Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa;

namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha.

Obboleessa yakkame tokko deebisuun // magaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata;

wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti.

Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa;

dubbii arraba isaatiinis ni guuta.

Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba;

warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.

Namni niitii argatu waan gaarii argata;

fuula Waaqayyoo durattis surraa argata.

Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata;

sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna.

Namni michoota baayʼisu ni bada;

garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.