Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Iyyoob 4
Eliifaaz
Eliifaaz namichi Teemaan sun akkana jedhee deebise:
“Yoo namni tokko sitti dubbachuu yaale, ati ni komattaa?
Garuu eenyutu dubbachuu dhiisa?
Ati akka nama baayʼee barsiifte,
akka harka dadhabaa illee jajjabeessite yaadadhu.
Dubbiin kee warra gatantaran gargaaree dhaabeera;
atis jilba laafe jabeessiteerta.
Amma garuu rakkinni sirra gaʼe; atis abdii kutatteerta;
rakkinni si miidheera; atis rifatteerta;
Waaqa sodaachuun kee irkoo kee,
qajeelinni karaa keetiis abdii kee mitii?
“Ammas yaadadhu; namni qulqulluun takkumaa badee beekaa?
Qajeelonni eessatti badanii beeku?
Akka ani hubadhetti warri waan hamaa qotatan,
kanneen waan hamaa facaasanis isuma haammatu.
Isaanis hafuura Waaqni isaanitti baafatuun badu;
hafuuraa dheekkamsa isaaniitiinis ni barbadeeffamu.
Leenci ni aada; ni gururiʼas;
ilkaan leenca saafelaa garuu ni caccaba.
Leenci jabaan waan adamsu dhabee ni duʼa;
ilmaan leenca dhaltuus ni bittinnaaʼu.
“Dubbiin tokko icciitiidhaan naa fidame;
gurri koos asaasa isaa dhagaʼe.
Abjuu halkanii sodaachisaa keessa,
yommuu hirribni cimaan nama qabatutti,
sodaa fi hollachuun na qabatee
lafee koo hunda raase.
Hafuurri luffi jedhee fuula koo dura darbe;
rifeensi dhagna koos kaʼee dhaabate.
Innis ni dhaabate;
ani garuu inni maal akka taʼe hubachuu hin dandeenye.
Fakkiin tokko ija koo dura dhaabate;
anis sagalee tasgabbii kan akkana jedhu tokkon dhagaʼe:
‘Namni duʼa hin oolle, Waaqa caalaa qajeelaa taʼuu dandaʼaa?
Namni Uumaa isaa caalaa qulqulluu taʼuu dandaʼaa?
Waaqni tajaajiltoota isaa hin amanatu;
ergamoota isaas balleessaa isaaniitiin ni gaafata;
yoos warri manneen suphee keessa jiraatan,
warri hundeen isaanii biyyoo taʼe,
warri bilii caalaa burkutaaʼan immoo akkam haa taʼan ree?
Isaan ganamaa fi galgala gidduutti burkutaaʼu;
tasumas bara baraan ni badu.
Akka isaan ogummaa malee duʼaniif
funyoon dunkaana isaanii hin luqqifamnee?’
Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.