Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Iyyoob 3

Dubbii Iyyoob

Kana irratti Iyyoob afaan isaa banatee guyyaa itti dhalate abaare. Innis akkana jedhe:

Iyyoob

“Guyyaan ani itti dhaladhe haa badu;

halkan, ‘Ilmi dhalate!’ jedhame sunis haa badu.

Guyyaan sun haa dukkanaaʼu;

Waaqni ol gubbaadhaa isa hin ilaalin;

ifnis itti hin ifin.

Dukkannii fi gaaddidduun guddaan isa haa dhaalan;

duumessi isa irra haa buʼu;

ifa isaa dukkanni haa liqimsu.

Halkan sana dukkanni limixiin haa qabatu;

guyyoota waggaa keessa jiranittis hin dabalamin

yookaan jiʼoota kam iyyuu keessatti hin lakkaaʼamin.

Halkan sun haa maseenu;

ililleenis keessatti hin dhagaʼamin.

Warri Lewaataanin kakaasuuf qophaaʼan,

kanneen guyyoota abaaran guyyaa sana haa abaaran.

Bakkalchi barii kan guyyaa sanaa haa dukkanaaʼu;

ifa eeggatee haa dhabu;

boruu baqaqus hin argin.

Inni ija koo duraa rakkina dhoksuuf,

balbala gadameessa haadha kootii natti hin cufneetii.

“Ani maaliif gadameessa haadha kootii keessatti hin badin?

Maaliifis yeruman garaa keessaa baʼetti hin duʼin?

Jilbawwan na simatan,

harmawwan ani hodhus maaliif achitti argaman?

Ani silaa yoona nagaan nan ciisa;

rafees nan boqodhan tureetii;

moototaa fi gorsitoota addunyaa

warra iddoowwan amma diigamanii jiran ofii isaaniitiif qopheeffatan wajjin,

bulchitoota warqee qaban, kanneen manneen isaanii

meetiidhaan guutatan wajjin nan boqodhan ture.

Yookaan ani maaliifin akkuma mucaa duʼee garaa baʼee,

akkuma daaʼima ifa guyyaa hin arginiitti hin awwaalamin?

Achittis namoonni hamoonni jeequu ni dhiisu;

dadhaboonnis achitti ni boqotu.

Boojiʼamtoonni nagaadhaan walii wajjin jiraatu;

waca cunqursitoota isaaniis hin dhagaʼan.

Xinnaa fi guddaan achi jira;

garbichis gooftaa isaa jalaa bilisoomeera.

“Maaliif warra gadadoo keessa jiraniif ifni

warra lubbuun isaanii gadditeef immoo jireenyi kennama?

Warra duʼa hawwanii dhabaniif

warra qabeenya dhokfame caalaa duʼa barbaadaniif

warra yommuu awwaalamuu gaʼanitti

gammachuun guutamanii ililchaniif jireenyi maaliif kennama?

Nama karaan isaa duraa dhokateef

nama Waaqni dallaa itti marse

jireenyi maaliif kennama?

Gaddi buddeena naa taʼeera;

aaduun koos akka bishaanii dhangalaʼa.

Wanni ani sodaadhe natti dhufeera;

wanni na naasisus narra gaʼeera.

Ani nagaa hin qabu; tasgabbiis hin qabu;

jeequmsa malee boqonnaa hin qabu.”

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.