Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa

Iyyoob 5

“Mee waami, namni deebii siif kennu jiraa?

Qulqulloota keessaas ati gara isa kamiitti gorta?

Nama gowwaa aariitu ajjeesa;

raatuus hinaaffaatu galaafata.

Namni gowwaan hidda isaa gad fageeffatee nan arge;

manni isaa garuu yoosuma abaarame.

Ijoolleen isaa nagaa hin qaban;

isaan karra duratti burkutaaʼan; namni isaan oolchus hin jiru.

Namni beelaʼe midhaan isaa qoraattii keessaa iyyuu fuudhee nyaata;

inni dheebotes qabeenya isaa hawwa.

Rakkinni biyyoo keessaa hin burquutii;

dhiphinnis lafa keessaa hin biqilu.

Akkuma qaanqeen ibiddaa ol facaʼu

namni rakkinaaf dhalata.

“Garuu utuu ana taʼee Waaqa nan barbaaddadha;

dhimma koos fuula isaa duratti nan dhiʼeeffadhan ture.

Inni dinqiiwwan qoranii bira gaʼuu hin dandeenye,

hojiiwwan dinqisiisoo lakkaaʼamuu hin dandeenye hojjeta.

Inni bokkaadhaan lafa ni quubsa;

lafa qotiisaas bishaan ni obaasa.

Warra gad qabaman ol baasa;

warra gaddanis iddoo nagaatti ol kaasa.

Akka hojiin harka isaanii hin milkoofneef,

inni karoora jalʼootaa ni fashaleessa.

Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba;

malli jalʼootaa immoo dafee ni bada.

Guyyaan dukkana isaanitti taʼa; guyyaa saafaas

akka nama dukkana keessa jiruu qaqqabannaadhaan deemu.

Inni nama rakkataa goraadee afaan isaanii jalaa,

harka nama jabaa jalaas ni baasa.

Kanaafuu hiyyeessi abdii qaba;

jalʼinnis afaan isaa ni cufata.

“Namni Waaqni adabu eebbifamaa dha;

kanaafuu ati adabbii Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu hin tuffatin.

Inni ni madeessa; ni fayyisas; inni ni cabsa;

harka isaatiinis deebisee ni fayyisa.

Balaa jaʼa jalaa si baasa;

torba keessattis hin miidhamtu.

Bara beelaa duʼa jalaa,

lola keessattis rukuttaa goraadee jalaa si baasa.

Ati garaffii arrabaa jalaa ni dhokfamta;

yommuu badiisni dhufuttis hin sodaattu.

Badiisaa fi beelatti ni kolfita;

bineensota lafaas hin sodaattu.

Dhagoota bakkee wajjin kakuu galta;

bineensonni bosonaas nagaadhaan si wajjin jiraatu.

Dunkaanni kee nagaan akka jiru ni beekta;

qabeenya kee ni toʼatta; wanni tokko illee si jalaa hin badu.

Ijoolleen kee akka baayʼatan,

sanyiiwwan kees akkuma marga lafaa akka taʼan ni beekta.

Akkuma bissiin midhaanii yeroo isaatti walitti qabamu sana,

atis bara dheeraa jiraattee awwaala seenta.

“Nu waan kana qoranneerra; innis dhugaa dha.

Kanaafuu qalbeeffadhu; ofii keetiifis beeki.”

Kitaaba Qulqulluu, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa. Copyright © 2022 Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0.   “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.