Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 6
Duʼaa Yeroo Dhiphinaa
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Baganaadhaan faarfatamu. Zabuurii Daawud kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu.
Rabbii Allaah aarii keetiin na hin ifatin;
yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.
Naa gameeraatii yaa Rabbii Allaah naaf araarami;
lafeen koos jeeqameeraatii yaa Rabbii Allaah na fayyisi.
Lubbuun koo akka malee jeeqameera;
kun hamma yoomiitti? Rabbii Allaah, hamma yoomiitti?
Rabbii Allaah, deebiʼiitii lubbuu koo oolchi;
araara keetiif jedhiitii na fayyisi.
Namni duʼe si hin yaadatu.
Siiʼool keessatti eenyutu si galateeffata?
Ani aaduu kootiin bututeera.
Halkan hunda booʼichaan siree koo nan dhiqa;
imimmaaniinis iddoo ciisichaa koo nan tortorsa.
Iji koo gaddaan fajajeera;
sababii diinota koo hundaatiifis dadhabeera.
Warri hamaa hojjettan hundinuu narraa fagaadhaa;
Rabbii Allaahan sagalee booʼicha koo dhagaʼeeraatii.
Rabbii Allaahan waammata koo dhagaʼeera;
Rabbii Allaahan duʼaa koo ni fudhata.
Diinonni koo hundinuu haa qaanaʼan; akka malees haa rifatan;
qaanii tasaatiinis of irra haa garagalan.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.