Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 7

Duʼaa Namni Qajeelaan Kadhatu

Shiigaayoonni Daawud kan inni waaʼee Kuushi namicha gosa Biniyaamiif jedhee Rabbii Allaahaf faarfate.

Yaa Rabbii Allaah ko, ani kooluu sitti nan gala;

warra na ariʼatan hunda jalaa na baasi; na oolchis;

yoo kanaa achii isaan yeroo namni na oolchu hin jirretti,

akka leencaa na cicciratu; na kukkutatus.

Yaa Rabbii Allaah ko, yoo ani waan kana godhee jiraadhe

yoo harka koo keessa yakki jiraate,

yoo ani nama nagaadhaan na wajjin jiraatutti hamaa hojjedhee jiraadhe,

yookaan yoo ani sababii malee diina koo saamee jiraadhe,

diinni koo ariʼee na haa qabatu;

jireenya koo lafatti haa dhidhiitu;

ulfina koos awwaara keessa haa buusu.

Rabbii Allaah aarii keetiin kaʼi;

dheekkamsa diinota kootti kaʼi.

Yaa Allaah koo anaaf dammaqi; murtii qajeelaa labsi.

Yaaʼiin namootaa naannoo keetti walitti haa qabamu;

atis ol gubbaadhaa isaan bulchi.

Rabbii Allaahan sabootaaf murtii haa kennu.

Rabbii Allaah, akka qajeelummaa kootiitti,

akka amanamummaa kootiittis naa murteessi.

Yaa Allaah qajeelaa,

kan yaadaa fi garaa namaa qortu,

fincila hamootaa balleessi;

qajeeltota immoo jabeessii dhaabi.

Gaachanni koo Allaaha;

inni gara toleeyyii ni oolcha.

Allaahan abbaa murtii qajeelaa dha;

inni Allaah guyyaa hunda dheekkamsa isaa mulʼisuu dha.

Yoo namni qalbii jijjiirrachuu baate,

inni goraadee isaa ni qarata;

iddaa isaas dabsee qopheeffata.

Inni meeshaa nama ajjeesu

qopheeffateera; xiyya bobaʼus ni qopheeffata.

Kunoo, namni hamaan hammina ulfaaʼa;

jalʼina garaatti baata; soba dhala.

Inni gad fageessee boolla qota;

boolla qopheesse sana keessas ni buʼa.

Dabni isaa matuma isaatti deebiʼa;

jalʼinni isaas gubbee mataa isaa irra buʼa.

Qajeelummaa isaatiif Rabbii Allaah nan galateeffadha;

maqaa Rabbii Allaah, Allaah Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.