Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 5

Duʼaa Ganamaa

Zabuurii Daawudii kan ululleedhaan faarfatamu.

Rabbii Allaah, gurra kee dubbii kootti qabi;

aaduu koo illee naa hubadhu.

Yaa mootii koo fi Allaah ko,

iyya ani gargaarsaaf iyyadhu dhaggeeffadhu;

ani fuula kee duratti duʼaa godhadhaatii.

Rabbii Allaah, ganamaan sagalee koo ni dhageessa;

anis ganamaan kadhata koo fuula kee duratti nan dhiʼeessa;

abdiidhaanis nan eeggadha.

Ati Allaah hamminatti gammadu miti;

hamaanis si wajjin hin jiraatu.

Of tuultonni fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan.

Atis warra jalʼina hojjetan hunda ni jibbita;

Ati warra soba dubbatan ni balleessita.

Rabbii Allaahan warra dhiiga dheebotanii fi

warra nama gowwoomsan ni xireeffata.

Ani garuu araara kee baayʼee sanaan mana keetti ol nan gala;

si sodaachuudhaanis gad jedhee

gara mana qulqullummaa kee qulqulluu sanaatti garagalee nan sagada.

Rabbii Allaah, sababii diinota kootiif jedhiitii

qajeelummaa keetiin na dura buʼi;

karaa kees fuula koo duratti naa qajeelchi.

Dubbiin afaan isaaniitii baʼu tokko iyyuu hin amanamu;

garaan isaanii badiisaan guutameera.

Laagaan isaanii qabrii banamaa dha;

arraba isaaniitiin ni sobu.

Yaa Allaah, yakkitoota taʼuu isaanii isaanitti beeksisi!

Daba isaaniitiinis haa kufan.

Baayʼina cubbuu isaaniitiin isaan balleessi;

isaan sitti fincilaniiruutii.

Warri kooluu sitti galan hundinuu garuu haa gammadan;

bara baraanis gammachuudhaan haa faarfatan.

Akka warri maqaa kee jaallatan sitti gammadaniif

ati eegumsa kee isaan irra diriirsi.

Rabbii Allaah, ati qajeeltota ni eebbiftaatii;

akka gaachanaattis surraa keetiin isaan marsita.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.