Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 57
Diinota Gara Jabeeyyii Gidduutti
57:7‑11 kwf – Zab 108:1‑5
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Zabuurii Daawud. Miiktaamii. Innis yeroo Saaʼol jalaa baqatee holqatti galee faarfate.
Na maari; yaa Allaah na maari;
lubbuun koo sitti kooluu galtiitii.
Anis hamma balaan darbutti,
gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu nan gala.
Ani gara Allaah Waan Hundaa Oliitti,
gara Allaah haaloo naa baatuutti nan iyya.
Inni shamaayʼun irraa ergee na oolcha;
warra akka malee na ariʼan ni ifata;
Allaahan jaalala isaatii fi amanamummaa isaa ni erga.
Ani leencota gidduun jira;
ani bineensota nama nyaatan,
namoota ilkaan isaanii eeboo fi xiyyaa
kanneen arrabni isaanii akka goraadee qaramaa gidduu ciiseera.
Yaa Allaah, ati shamaayʼuniiwwaniin olitti ol ol jedhi;
ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
Isaanis kiyyoo miilla kootiif kaaʼan;
lubbuun koos dhiphinaan gad gogdeerti.
Isaan karaa koo irratti boolla qotan;
garuu isaanumattu keessatti kufe.
Yaa Allaah, garaan koo hin raafamu;
garaan koo hin raafamu;
ani nan faarfadha; nan weeddisas.
Yaa lubbuu ko, dammaqi!
Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa!
Anis ganamaan nan dammaqa.
Yaa Gooftaa, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha;
namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.
Jaalalli kee guddaa dha; shamaayʼuniiwwanis gaʼaatii;
amanamummaan kees shamaayʼuniiwwan qaqqaba.
Yaa Allaah, ati shamaayʼuniiwwaniin olitti ol ol jedhi;
ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.