Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 58
Abbaa Murtii Kan Abbootii Murtii Biyya Lafaa
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Zabuurii Daawudi. Miiktaamii.
Yaa bulchitoota, isin dhugumaan waan qajeelaa dubbattanii?
Nama gidduuttis murtii qajeelaa kennitanii?
Akkas miti; isin garaa keessan keessatti hammina yaaddu;
harki keessanis lafa irratti goolii kaasa.
Namoonni hamoon dhalootumaa kaasanii karaa irraa jalʼatu;
gadameessa haadha isaaniitii jalqabaniis karaa irraa goranii soba dubbatu.
Hadhaan isaanii akkuma hadhaa bofaa ti;
isaan akkuma buutii duudaa gurra isaa cuqqaalatee
sagalee nama isa raatessuu yookaan nama waan ittiin isa raatessu
hojjetu tokkoo dhagaʼuu diduu ti.
Yaa Allaah ati ilkaan isaanii afaan isaanii keessatti caccabsi;
qarriffaa leencotaas daaki, yaa Rabbii Allaah!
Isaan akkuma bishaan dhangalaʼee baduutti haa badan;
yeroo iddaa futtaasanitti xiyyi isaanii haa doomu.
Akkuma ciilalluu yommuu deemu baquutti,
akkuma daaʼima utuu yeroon hin gaʼin dhalatuuttis aduu hin argin.
Utuu okkoteen keessan ibidda qoraattiitiin hin hoʼin,
jiidhaas taʼu gogaan isaanii haxaaʼamanii balleeffamu.
Namni qajeelaan yommuu haaloo baʼuu kana argutti ni gammada;
miilla isaas dhiiga namoota hamootiin ni dhiqata.
Yommus namoonni akkana ni jedhu;
“Dhugumaan nama qajeelaadhaaf badhaasni jira;
dhugumaan Allaahan lafa irratti murtii kennu jira.”
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.