Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 56

Allaah Amanachuu

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Gugee Qilxuu Fagoo irraa” jedhuun faarfatame. Miiktaamii Zabuurii Daawud. Innis yeroo Filisxeemonni Gaati keessatti isa qaban faarfate.

Yaa Allaah na maari;

diinonni koo akka malee na ariʼu;

guyyaa guutuus na cunqursu.

Diinonni koo guyyaa guutuu na gaadu;

namoonni baayʼeen of tuulummaadhaan na lolu.

Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.

Allaah ani dubbii isaa jajadhu,

Allaah nan amanadha; homaa hin sodaadhu.

Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?

Isaan guyyaa guutuu dubbii koo micciiru;

na miidhuudhaafis yeroo hunda natti malatu.

Isaan ni mariʼatu; ni riphus;

lubbuu koo galaafachuuf jedhanii

tarkaanfii koo eeggatu.

Sababii hammina isaaniitiif akka isaan miliqan hin godhin;

yaa Allaah, dheekkamsa keetiin saboota gad deebisi.

Gadadamu koo galmeessi;

imimmaan koos kitaaba kee keessatti barreessi;

isaan galmee kee keessa jiru mitii?

Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhutti,

diinonni koo dugda duuba deebiʼu.

Anis kanaan akka Allaahan na wajjin jiru beeka.

Allaah ani dubbii isaa jajadhu,

Rabbii Allaahan ani dubbii isaa jajadhu,

Allaah nan amanadha; ani homaa hin sodaadhu.

Namni maal na gochuu dandaʼa?

Yaa Allaah wareegni kee narra jira;

aarsaa galataas siif nan dhiʼeessa.

Akka ani fuula Allaaha dura,

ifa jireenyaa keessa deddeebiʼuuf,

ati lubbuu koo duʼa jalaa,

miilla koos gufachuu oolchiteertaatii.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.