Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 53

Waan Warra Allaahatti Hin Bulle Eeggatu

53:1‑6 kwf – Zab 14:1‑7

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Gosa Muuziiqaa maahilaati jedhamuun faarfatame. Maskiilii Daawudi.

Gowwaan garaa isaatti, “Allaahan hin jiru” jedha.

Isaan xuraaʼaniiru; karaan isaaniis jibbisiisaa dha;

namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.

Allaahan yoo namni waa hubatu,

kan Allaahas barbaadu tokko iyyuu jiraate

arguuf jedhee,

shamaayʼun irraa ilmaan namootaa gad ilaala.

Hundinuu dogoggoraniiru;

hundi isaaniis xuraaʼaniiru;

namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru;

tokkumti iyyuu hin jiru.

Warri hammina hojjetan,

kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan,

warri Allaah hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?

Isaan iddoo wanni sodaatamu hin jirretti,

sodaadhaan liqimfamaniiru.

Allaahan lafee warra si marsanii ni bittinneessa;

sababii Allaahan isaan tuffateef, ati isaan qaanessite.

Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee!

Yommuu Allaahan saba isaa warra boojiʼaman deebisutti,

Yaaʼikuub haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.