Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 52

Waan Nama Hamaa Eeggatu

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Daawud. Dooʼeeg namni biyya Edoomii yeroo gara Saaʼolii dhaqee, “Daawud gara mana Ahiimelekii dhufeera” jedhee itti himetti faarfatame.

Yaa nama jabaa nana, ati maaliif hamminaan koorta?

Ati namni fuula Allaaha duratti tuffatamtu,

maaliif guyyaa guutuu koorta?

Ati namni nama gowwoomsitu,

arrabni kee badiisa qopheessa;

arrabni kee akkuma qarabaa qaramee ti.

Ati waan gaarii irra waan hamaa jaallatta;

dhugaa dubbachuu irra immoo soba dubbachuu jaallatta.

Yaa arraba gowwoomsituu nana,

ati dubbii nama miidhu hunda jaallatta.

Kanaafuu Allaahan bara baraan si balleessa:

Inni dunkaana kee keessaa butee si ciccira;

biyya jiraattotaa keessaas si buqqisa.

Qajeeltonni waan kana arganii sodaatan;

isaanis akkana jedhanii isatti kolfan;

“Kunoo, namicha Allaah daʼoo isaa hin godhatin,

qooda kanaa immoo baayʼina qabeenya isaa amanatee

jalʼina ofiitti ciche!”

Ani garuu akkuma ejersa

mana Allaaha keessatti lalisuu ti;

baraa hamma bara baraattis, jaalala Allaaha kan

hin geeddaramne sana nan amanadha.

Sababii ati waan kana gooteef

ani bara baraan sin galateeffadha;

sababii maqaan kee gaarii taʼeef ani maqaa kee nan abdadha.

Fuula qulqulloota kee durattis sin leellisa.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.