Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 54
Allaahatti Abbaa Murtii Qajeelaatti Iyyachuu
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawud. Yeroo warri Ziif Saaʼol bira dhaqanii, “Daawud nu gidduu dhokatee jira” jedhanitti faarfatame.
Yaa Allaah, maqaa keetiin na fayyisi;
humna keetiinis naa murteessi.
Yaa Allaah, duʼaa koo naa dhagaʼi,
dubbii afaan kootiis dhaggeeffadhu.
Keessumoonni natti kaʼaniiruutii;
warri garaa namaa hin laafne lubbuu koo galaafachuu barbaadu;
Isaanis warra Allaahaf ulfina hin kenninee dha.
Kunoo, Allaahan gargaaraa koo ti;
Gooftaan jiraachisaa lubbuu koo ti.
Hamminni warra maqaa na balleessanii isaanumatti haa deebiʼu;
atis amanamummaa keetiin isaan balleessi.
Ani fedhii kootiin aarsaa siif dhiʼeessa;
yaa Rabbii Allaah, ani maqaa kee nan galateeffadha;
inni gaariidhaatii.
Inni dhiphina koo hundumaa keessaa na baaseeraatii;
iji koos ol aantummaadhaan diinota koo of jalatti ilaaleera.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.