Skip to content
BibleKenya

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Zabuuriiwwan 47

Allaahan Mootii Addunyaa ti

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Ilmaan Qooraahi.

Isin saboonni hundinuu harka keessan rukutaa;

sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan Allaahaf ililchaa.

Rabbii Allaah Waan Hundaa Olii,

Mootichi guddaan lafa hundumaa, sodaachisaadhaatii!

Inni saboota nu jala,

namootas miilla keenya jala galcheera.

Innis nu warra Yaaʼikuub isa inni jaallate sanaaf ulfina taaneef,

dhaala keenya nuu fileera.

Allaahan ililleedhaan, Rabbii Allaahan sagalee

malakataatiin ol baʼe.

Faarfannaa galataa Allaahaf faarfadhaa;

Faarfannaa galataa faarfadhaa;

Faarfannaa galataa Mootii keenyaaf faarfadhaa;

Faarfannaa galataa faarfadhaa.

Allaahan Mootii lafa hundaa ti;

Faarfannaa galataa hubannaadhaan faarfadhaa.

Allaahan saboota irratti Mootii dha;

Allaahan teessoo isaa qulqulluu irra taaʼeera.

Qondaaltonni sabootaa,

akkuma saba Allaah Ibraahimitti walitti qabamu;

mootonni lafa irraa kan Allaahatii;

innis guddisee ol ol jedheera.

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.