Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024
Zabuuriiwwan 46
Allaahan nu wajjin jira
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Ilmaan Qooraahi. Haala Alaamootiitiin.
Allaahan daʼoo fi jabina keenya;
inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.
Kanaafuu yoo lafti raafamtee
tulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu.
Utuu bishaan isaas huursee hoomachaaʼee
tulluuwwanis raafama isaatiin sochoʼan iyyuu nu hin sodaannu.
Lagni yaaʼaan isaa magaalaa Allaaha gammachiisu
kan iddoo qulqulluu Allaahan Waan Hundaa Olii jiraatuuf // gammachuu kennu tokko jira.
Allaahan magaalattii keessa jira; isheenis hin raafamtu;
ganama barii Allaahan ishee gargaara.
Saboonni ni raafaman; mootummoonnis ni kufan;
inni sagalee isaa dhageessise; laftis ni baqxe.
Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira;
Allaahan Yaaʼikuub daʼoo keenya.
Kottaa, hojii Rabbii Allaah ilaalaa;
badiisa inni lafa irratti fides argaa.
Inni hamma handaara lafaatti waraana ni balleessa;
iddaa ni cabsa; eeboo ni burkuteessa;
gaachanas ibiddaan guba.
“Calʼisaa; akka ani Allaah taʼes beekaa;
ani saboota gidduutti ol ol nan jedha;
lafa irrattis ol ol nan jedha.”
Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira;
Allaahan Yaaʼikuub daʼoo keenya.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024. Copyright © Biblica, Inc. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: Open.Bible. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-11-09.